Xurree ittiin seenan

 
Ministaroonni Dantaa Alaa Biyyota G-7 Yaa'ii Isaanii Kaanaadaarratti Dhimma Lola Dhaabiinsaa Raashiyaa fi Yukireen Irratti Dubbachuuf Jiran
Breaking News

Ministaroonni Dantaa Alaa Biyyota G-7 Yaa'ii Isaanii Kaanaadaarratti Dhimma Lola Dhaabiinsaa Raashiyaa fi Yukireen Irratti Dubbachuuf Jiran


G7 US Canada
G7 US Canada

Yaa’ii ministiroota haajaa biyyoota garee Torbaa isa “ G 7 “ jedhamu kan Kaanaadaatti Kamisa har’aa taa’amuu jalqabuu irratti dhimmi Raashiyaa fi Yuukireen irratis marii’achuuf Ajandaa yaa’iichaa keessatti qabameera.

Walii galteen waraana dhaabuu akka taasifamu dhiibbaa uumuu cinaatti ya’ii minsitiroota haajaa alaa kan Garee biyyoota torbaa G7 Kamisa har’aa Kaanadaatti taa’amu jalqabeerurattis akka ajandaa tokkootti mariif kan dhiyyaatu dhimma Raashiyaa fi Yuukireenidha. Marii hooggantootni Yuukireenii fi Yuunaayitid Isteetisi Saa’ud Arabiyaatti taasisaniin yaada wixinee dhukaasa dhaabuu kan guyyoota Soddomaa Yuunaayitid Isteetisi dhiyeessite Yuukireen fudhachuuf qophii ta’uu ibsiteetti.

Pireezidaantiin Yuukireen Voloodyimiir Zeleeniiskii Roobii kaleessaa galgala ibsa kenne keessatti “nuti gara nagaatti fi wabii nageenyaatti tarkaanfachuu qabna. Dubbii ijoon michoonni keenya Raashiyaan goyyoomsaaf osoo hin taane waraana kanatti dhugumaan xumura taasiisuuf qophii ta’uu ishee mirkaneeffachuudha” jedheera. Yuukireen gama isheen Wixinicha fudhachuu ibsite waan gama Raashiyaan dhaga’amuuf jiru eegaa jirti. Waayit Haawuus Roobii kaleessaa akka ibsetti wixinee Yuunaayitid Isteetisi dhiyyeessite kana iratti Raashiyaa waliin dubbachuuf gorsaan nageenya biyyaaleessaa Yuunaayitid Isteetisi Isiiv Wiikoof gara Mooskootti imaleera.

Ya’iin Ministiroota haajaa alaa biyyoota garee torbaa kun ministiroota haajaa alaa Biriiteen, Kanaadaa, Jarmanii , Itaalii , Jaappaanii fi Yuunaayitid Isteetisi kan walitti fide yommuu ta’u, Ministirri haajaa alaa Kanaadaa kan yaa’icha hoogganan Milanee Joolii wixinee dhukaasa dhaabuu Yuunayitid Isteetisi dhiyyeessite kan Yuukireniin fudhatama argate biyyi isaanii Kanaadaan kan simattu ta’uu fi kunis tarkaanfii jalqabaa gara nagaa waraatti deemamuuf bu’uura jedhan. Itti dabaluunis amma kubban taphaa Raashiyaa harka jira , waraana dhiiga dhangalasaa kanatti xumura taasisuuf walii galtee dhukaasa dhaabuu kanaaf qophii ta’uu isaanii agarsiisuuf. Amma Addunyaan daawwataa jira.

Ministirii haajaa alaa Yuunaayitid Isteetisi marii hooggantoota Yuukireen waliin Saa’ud Arabiyaatti Kibxata dabarsine taasiisa ture Roobii kaleessaa gara Kanaadaatti kan imaleeru ibsa oduu gabastootaaf kenneen ‘ Yunaayitid

Isteetisi fedhii nagaaf qabdu madaala keessa galchuun Raashiyaa waliin qabxiilee quunnamtii dacha ni qabaatti. Amma hundi keenya deebii Raashiyaa hawwii guddaan eegna” Jedheera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG