Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma Alaa Somaaliyaa Yaada Giti Isaanii kan Itiyoophiyaa Dhiheessan Qeeqan 


Hasil pemilu tahun 2005 di Ethiopia dipertentangkan hasilnya.
Hasil pemilu tahun 2005 di Ethiopia dipertentangkan hasilnya.

Ministriin dhimma alaa Somaaliyaa Ahimed Muhallim Fiqii torban kana mootummaan Somaaliyaa Masrii irraa meeshaa waraanaa argate ilaalchisuu dhaan giti isaanii kan Itiyoopiyaa yaada kennan qeeqaniiru.

Ministriin dhimma alaa Itiyoopiyaa Taayyee Atseqsillaasee humnoota alaatiin meeshaa waraanaa Somaaliyaaf dhiyaatu ilaalchisee yaaddoo qaban ibsaniiru. Taayyeen dhiyeessiin meeshaa waraanaa kun haala nageenyaa laaffataa ta’e daran hammeessee dhuma irrattis meeshaaleen kun harka shororkeessota Somaaliyaa keessaa seenuu mala jechuun akeekkachiisaniiru. Fiqiin Niw Yorkitti Rooyitersiif ibsa kennaniin, ibsa maqa balleessii kana duuba Itiyoopiyaan garaa daangaa Somaaliyaa meeshaa waraanaa seeraan alaa seene kan harka siivilotaa fi shororkeessotaa keessa bu’e dhoksuuf yaaluu ishee ti jedhan.

Fiqiin himannaa kanaaf ragaa tokko iyyuu hin kennine garuu Itiyoopiyaan Abbaa biyyummaa somaaliyaa cabsuu ishee irraa ilaalcha maqsuuf yaalaa jirti jedhan. Torban darbe Somaaliyaa Somaaliyaan gara Puuntlaanditti meeshaa waraanaa ergiti jechuun himatte, Itiyoopiyaan garuu deebii hin kennin jirti. Itiyoopiyaan walii galtee falmisiisaa Puuntlaand waliinmallatteessitee ennaa jirtutti, Masriin meeshaa waraanaa Somaaliyaatti eguu ishee mallatteessiteetti.

Masriin akka jettetti meeshaan kun ergamuun kan Masriin Somaaliyaa keessatti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu, shororkeessummaatti akka duultu, Abbaa biyyummaa ishee akka eeggattuu fi tokkummaa fi kabajaa qabiyyee isheee akka eegsistu kan jedhuuni.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG