WAASHINGITAN, DIISII —
Akka dubbi-himaan waraanaa Yugaandaa jedhanitti, Jeneraal Edwaard Katumbaa Waamanaa, Kibxata dabre kana otuu mucayyoo isaanii dubraa waliin konkolaataan deemanii haleelaman.
Mucayyoo fi shofeerri konkolaatichaa battalumnatti du’an.
Jeneraal Katumbaan konkolaataa “Land Kiruuzeerii” ka waraanaatiin yeroo mana isaaniitii bahanitti, haleeltota doqdoqqee yokaan motorbaayisikilii lamaan deemaniin haleellichi itti baname – akka aangawoonni jedhanitti.