Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministerii haajaa alaa USA Mike Pompeo imaltuuf Afrikaatti dabree pirez. Angoolaalleen wal mar'atee waliin hojjachuuf walii galan


Angola President, Joao Lourenco, right, meets with US Secretary of State, Mike Pompeo at the Presidential Palace in Luanda, Angola, Monday Feb. 17, 2020. Pompeo started his tour of Africa in Senegal, the first U.S. Cabinet official to visit in more than 18 months. He left Senegal
Angola President, Joao Lourenco, right, meets with US Secretary of State, Mike Pompeo at the Presidential Palace in Luanda, Angola, Monday Feb. 17, 2020. Pompeo started his tour of Africa in Senegal, the first U.S. Cabinet official to visit in more than 18 months. He left Senegal

Senegaal,Angoolaa,Itoophiyaa fi imaltuu biyya sagaliitiif warraa bahe,ministerii haajaa alaa Amerikaa, Mike Pompeo.

Senegaal,Angoolaa,Itoophiyaa fi imaltuu biyya sagaliitiif warraa bahe,ministerii haajaa alaa Amerikaa, Mike Pompeo. Amma Itoophiyaa gahe.

Ministerii Haajaa alaa Amerikaa Mike Pompeo yaayyuu Finfinneen bahe
Ministerii Haajaa alaa Amerikaa Mike Pompeo yaayyuu Finfinneen bahe

Yoo pirezidaantii Angoolaa Joao Lourenco waliin Luhaandaatti wal mari’atan akka biyyitii sun mala jireennaatiin jabaattee horiillee baduu dhowwattu wal haasahn.

Pirezidaantiin Angoolaan kun ganna sadiin duratti eegii pirezidaantiin biyya sunii José Eduardo gara ganna 40 biyya sun bulche hujii irraa bu’een jennaan ufii itti dabre.

Pirezidaantiin kun amma malaa fi maltee horii ummataatin balleessan diqqeessuuf hujiitti jira.Angoolaan biyya horii ummataa karaa hedduun balleessan.

Inaltii pirezidaantii durii Isabel dos Santos,Afrikaa keessaa dubartii durummaan tokkeessooti.Mala isiin horii kanaan tuulatte qorachuutti jiran.

Akka muummeen ministera haajaa alaa Angoolaa ka amma jedhetti ministerii haajaa alaa Amerikaa Angoolaa dhufuun bulchiinsii mootummaa Donald Tiraampi Angoolaan waliin hariyummaa jabeeffachuu fedhuun mirkana.

Tiraampi Angoolaa dhufuuf wannii mirkanaa hin jirtu.

Chaayinaa waliin Angoolaa irratti wal dorgomuutti jirtanii? jedhanii gaafatanii minsiterii haajaa alaa Amerikaa kun “nu Angoolaan yoo dhufu namuma Angoolaa hujiitti qaxruuf dhufna” jedhe.

Akka ministerii haajaa alaa Amerikaa jedhetti Angoolaan amma jijjiiramatti jirti.
Pompeo marii Senegaal fixate kalee Angoolaan bahee waan waliin hojjatan shan irratti mootummaa biyya sunii waliin walii mallatteesse.

Waan irratti walii galan keessaa akka dhaabbilee Amerikaa investimentii,fayyaa hujii karaatii fi akkaa Angoolaa waliin hojjachuu dandahan walii galan.

Pompeon marii tana fixannaan Itoophiyaatti dabraa,Sawudi Arebiyaa fi Omaanitti itti aana marii biyya sagaliitiif biyyaa bahe.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG