Ministirri Dhimma Alaa Jibuutii Mahmuud Alii Yuusuf, Sambata harraa Finfinneetti hoggantoonni biyyoota ardii fi bakka bu’oonni sagalee dhoksaan kennaniin hogganaa Gamtaa Afrikaa itti aanuu ta’uun filataman.
Torban tokko dura guyyaa dhaloota isaa 60ffaa kan kabajan Yuusuf, dorgomtoota isaanii - Ministira Muummee Keeniyaa Duraanii Raayilaa Odingaa fi Ministira Dhimma Alaa Madagaskaar Duraanii Riichaard Randriyaamandratoo - injifataniiru. Yuusuf marsaa jalqabaatiin sagalee 18 argachuun Raayilaadhan sagalee lamaan caallamanii lammaffaa irra turan. Marsaa itti aanuun garuu sagalee 33 argachuudhan moohan.
Yuusuf bara 2005 irraa eegalee Ministeera Dhimma Alaa Rippabiliika Jibuutii yeroo ta'an, ministeera dhimma alaa ardii Afrikaa keessatti yeroo dheeraaf tajaajilaarra turanis.
Forum