Ministirri Muummee Libaanoon gara Kibba Libaanoonitti imaluun haala humni waraanaa biyyattii fi kan nagaa eegsiisu humni waraanaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii irra jiru daawwateera.
Najiib Mikaatii ministirri muummee Liibanoon Wiixata har’aa gara Kibba Liibaanoonitti imaluun haala humni waraanaa biyyattii fi kan nagaa eegumsaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii inni “UNIFIL” jedhamu daangaa Libaanoonii fi Israa’eel irra ture haala irra jiru dawwateera. Dawwaannaa isaa naannicha keessatti taasise kanaanis akka walii galtee waraana dhaabu isa ji’a tokko guutuf jiru kan bakkoota loltoonni Israa’eelii fi Heezboollaah gadhiisuu jedhames kan ilaale yommuu ta’u humnoonni waraanaa Israa’eel Libaanoon gadhiisanii akka ba’anii fibakka isaaniis humni waraanaa Libaanoon akka bu’uu qabus jedheera. Akka walii galtee waraana dhaabuu sanattis humnoonni waraanaa Israa’eelii fi Heezboollaah Kibba Libaanoon gadhiisanii akka ba’anii fi baaka isaanii humni waraanaa Libaanoon akka bobbaafamudha.
Erga walii galtee waraana dhaabuu Hezboollaah waliin taasifteen booda Israa’eel Hamaasiin Gaazaa keessatti waraanuu irratti kan xiyyeeffatte haleellaa halkan Wiixata kanatti bari’uutti humna qilleensarraan fudhatteenis yoo xiqqaate namoonni 20 Ajjeefamuu Gaazaatti dhaabbanni Meedikis jedhamu ifoomseera.
Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti hoogganaan gargaarsa namoomaa Toom Fileecher wiixata har’aa ibsa kenneen Gaazaa keessatti bakkoota uummanni hedduun jiraatu keessaa humnoonni Israa’eel namoonni gadhiisanii akka ba’an ajajauu,mancaatii , qe’eerraa buqqa’uu fi du’aaf sababa ta’e dabalatee ammas bakkoota uummanni heddumminaan jiraatu irratti haleellaa raawwachuu akkuma itti fuftetti jirtis jedheera.
Itti dabaluunis Kaabni Gaazaa ji’oota lamaan darbaniif guutummaati kan jedhamuun danda’amu marfama keessa kan jiru namoota rakkatanii jiraniif gargarsa dhaqqabsiisuun yaaddeessaa ta’eera. Angawoonni Israa’eel hojjettoonni gargaarsaa akka hin seensifamane dhorkuu isanii haalaniyyuu , kashalabboota naannoo boobbasuutiin dhiyyeessiiwwan gargaarsaa nuti dhiyyeessinu akka rukkuman taasiisaniiru jechuun qeqera.
Forum