Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministrichi Dhimma Alaa Ameerikaa Blinken Giddu Galeessa Bahaa Daawwatan


Minstrii dhimmi alaa Yunaaytid Isteetis U.S. Secretary of State Antony Blinken Muummicha Ministeeraa Israa’el Benjamin Natanyaahuu waliin
Minstrii dhimmi alaa Yunaaytid Isteetis U.S. Secretary of State Antony Blinken Muummicha Ministeeraa Israa’el Benjamin Natanyaahuu waliin

Minstriin dhimmi alaa Yunaaytid Isteetis U.S. Secretary of State Antony Blinken har’a ennaa Jerusaalemiin daawatan Israa’el ofii ishee ittisuuf mirga qabdi isa jedhu cimsanii dubbatanii jiran. Ennaa kanas lola dhaabinsa Israalelii fi Hamaas gidduutti tolfamee turban darbe hojii irra oole jajjabeessuuf ture.

Muummichi ministeeraa Israa’el Benjamin Natanyaahuu waliin ta’uu dhaan ennaa dubbatank, Israa’elii fi Faalisxiin lamaanuu ennaa lola Sanaa akkaan miidhamanii jiran, kanaaf abdii, kabajaa fi wal amantaan akka jiraatu gara fuula duraatti hedduu hojjetamuu qaba jedhan.

Lakkoobsi namoota du’anii gad xiqqaatee jira, garuu kanneen du’an intaloota, ilmaan, abbaa haadha, hiriyaa fi akkawoo dha jedhan Blinken.

Blinken akka jedhanitti Gaazaa gargaaruuf deggersa sadarkaa addunyaatti godhamu cina ni hiriirti jedhan.

Deggersi dinagee Faalsxiinotaaf Gaazaa akkasumas West Baankiif akka kennamu illee waadaa seenuu dhaan, kana gochuun haala tasgabbii qabu kan uumu yoo ta’u Faalisxiinii fi Israa’eel illee irraa bu’aa argatu jedhan Blinken.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG