Ministarittiin Fayyaa, Dr. Liyaa Taaddesee ibsa gaazzexeessotaaf kennaniin haala amma jirutti hireen vaayirasii Kovidiin qabamuu hawaasaa biyyattii dhibba irraa harka tokkoo gadi tahuu ibsanii, fooyyessamni qajeelfamaa tokkko tokko taasisamuu beeksisan.
Fooyyessama taasisaman keessaa, mana ala bakka qilleensi jirutti maaskii kaa’achuun dirqama tahuun hafuu isaa, namoonni talaalii Koovid 19 talaalamuu isaaniif ragaa yoo qabaaatan qoratamuuf dirqamni akka hin jirree taasisamuu fi foyyessamawwan biroon jiraachuus dubbatanii jiran.