Wagga dhibba tokko dura baatii Hagayaa keessa dubartoonni Yunaayitid Isteetis akka heera biyyattii keeyyata 19 irra taa’ee jirutti mirga filachuu argatan.
Heerri fooyyeffame kun kongresa biyyattiif kan dhiyaate bara 1878 keessa yoo ta’u raggaasisamee kutaalee afur keessaa sadii hojii irra kan oolchan waggoota 40 ol dura ture. Gabaasi kun kan Deborah Block yoo ta’u seenaa sochii mirga filattootaa fi qixxummaa dubartootaa kana irratti gabaastee jirti.
Xurmura jaarrraa 19ffaa fi jalqaba jaaraaa 20ffaa keessa kanneen mirga dubartootaaf falman qabsoo yeroo dheeraa booda mirga filachuu dubartootaa akka mirkanaa’u godhan.
Dubartoota sana kabajaa dhorkuu fi itti qoosuutu ture jechuu dhaan hayyoonni ni dubbatu. Mirga filachuu dubartootaaf falmuun kan jalqabame bara 1848 keessa gumii mirga dubartootaa waldaa Senekeaa Fools, Niw Yoork keessa jiru
keessatti. Jille gumii sana irratti argaman galmee mirga kabajuu dabalatee qixxummaa kan dhiiraan gitu gaafatu qopheessan.
Dhiironnii fi dubartoonni qixxee uumaman. Jecha kana galmee labsii walabummaa irraa fudhatan, garuu waa’ee dhimmi dubartootaa itti dabaluu dhaan jijjiirraan guddaa akka argamu ta’e.
Dubartoonni waggoota 70 oliif mirga filachuuf ennaa qabsaa’an dubartoonni gurraachaa sochii kanatti akka makamaniif dubartoota adiitiin hin simatamin hafan. Garuu jamyaa kan ofii isaanii, hawaasaalee farra gabrummaa, konfrensiiwwan waldaa Kirstiyaanaa fi jaarmolii mirga siivilii fi kan kana fakkaataniin dubartoonni lammiiwwan Ameerikaa hidda dhalata Afriikaa jaarraa lamaa ol booda sochii ofii isaanii uummatan.
Jalqaba jaarraa 20ffaa irra qoodi dubartoonni qaban jijjiiramaa akkuma dhufeen dubarttoonni dhaloota haaraa qabsoo itti fufan.
Mormii geggeessuu , qophiiwwan adda addaa qindeessuu, calliinsaan mormii geggeessuu fi nyaata lagachuun mormii isaanii dhageessisuu qaban.