Xurree ittiin seenan

Mootummaan Itiyoophiyaa Gareen Abut Debre-Tsion Gebre-Medhiniin Dursamu Waliigaltee Pritooriyaa Cabsaa Jira, Jechuun Gabaasame  
Breaking News

Sabaa himaan biyya keessaa kan irratti argaman ibsii Ministirri Dhimma Alaa Itiyoophiyaa Dr Geediyoon Ximootiwoos fi Pireezidaantiin Bulchiinsa Yeroo kan Mootummaa Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa kennan irratti dhimmoota yeroo ammaa naannoo Tigraay keessaa ilaalchisee dippilomaatota Finfinnee keessa jiraataniif ibsa kennaniiru.

Haala amma Tigraay keessatti uumamee kanaaf aangawoonni lameenuu garee Dr Babra Tsiyooniin durfamu itti gaafatamaa taasisuun isaanii gabaafamee jira.

Gareen Dr. Dabra Tsiyooniin durfamu waliigaltee kana cabsee jedhamuu isaa haaluun isaa ni yaadatama,

Ibsa Diploomaatootaaf kennamee kana irratti hojiirra oolfama Waliigaltee Piriitooriyaaf deeggarsa hawaasa addunyaa gaafachuu isaanii, miidiyaaleen biyya keessaa gabaasanii jiru.

Gamtaan Afrikaa gama isaan, qaamotni waldhabdee naannoo Tigraay keessatti hirmaatan gocha kana irraa akka of qusatanii fi rakkoo kana mariidhaan akka furan gaafateera.

Obbo Geetaachoo Raddaa akka jedhanti, waldhabdee murnoota siyaasaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay giddutti hamee uumameef Ertraan harka keessaa qabdii jechuun kan hiimatan ta’uus Ertraan gama isheen, himannaa kana haaltee jirti jechuun Keeneedii Abaata Finfinnee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:58 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG