Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Itiyoophiyaa Jaarmayoota Gargaarsaa Himate  


Konkolaataa qarqaarsaa nyaataa gara Tigraay ergame fe'ee Maay TSebrii, Waxabajjii , 2021
Konkolaataa qarqaarsaa nyaataa gara Tigraay ergame fe'ee Maay TSebrii, Waxabajjii , 2021

Gargaarsii gara bulchiinsa naannoo Tigraay ti ergamu irratti to’annaan akka gaggeeffamu kan gaafate mootummaan Itiyoophiyaa jaarmayoonni gargaarsaa meeshaalee dhorkaman waraana ABUTf kennuu akkasumas boba’an ehamameen ol kennuuf jechuun himatee jira.

Gargaarsii Baatii sadiif addaan cite ture namoota akkaan isaan barbaachisu daandii irraan akka dhaqqabuuf mootummaan baatii Eebla dabree kan ehamee yoo ta’u tokkummaan mootummootaa dhorkaa ifatti hin labsamnee mootummaan gaggeeffamaa jira jechuun yeroo dheeraaf dubbataa ture.

Messhaan harka ABUT akka hin seenneef ilaalchii addaa itti kennamuu qaba jechuun itti aanaa prezidaantii kan ta’an Dammaqa Makonneen sambata dabree dubbatan.Boba’aa hammi isaa ehamamee caalchisuun geessaman fi meeshaalee dhorkaman kan gocha shoroorkaa ittiin gaggeessuuf oolan gamasitti erguuf yaalii ta’u hubadheen jira jedhan.

Obbo Dammaqaan kana kan dubbatan bulchiinsa naannoo Afaar kaaba dhiyaa bakka konkoolaataan gargaarsa fe’an ka’an fi gara Tigraayti imalan eega daawwatanii booda.Garu Messhaan argan suun maal akka ta’e hin ibsinee.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG