Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mootummaan Mozaambik Palmaa Deebisee To’achuu Ibse


Mootummaan Mozaambik magaalaa biyyattii andaara galaanaa gama Kaabaa ijoo taate, Palmaa, harka riphxee-loltoota Islaamik Isteet waliin hidhata qabanii harkaa baafatee, deebisee to’achuu isaa dubbata.

Mootummichi akka jedhutti, namoonni hidhannoo hin qabne yokaan siiviloonni kuma hedduutti lakkaawaman, kanneen dura yeroo magaalattiin riphxee-loltoota finxaaleyyiin qabatamte dheessanii bahan amma ka deebi’aa jiran tahuu ka dubbatan – Ajajaan waraanaa Mozaambik – Agostiinoo Mutiisee, “shororkeessonni qabeenyaa isaanii hunda saamanii waan deemaniif, waan nyaatanii bulan hin qaban,” jedhan.

Kanneen meeshaalee akka laawuncharoota ruuketaa, qawweelee fi hableewwan hidhatan, gurmuun finxaaleyyii magaalattii iyyeettii garuu, qabeenyaa uumamaan badhaatuu taate, kan uummatni kuma 75 kessa jiraatu irratti gaafata Bitootessa 24 halellaa banuun qabatan.

XS
SM
MD
LG