Dhaabbanni poolisii biyya Sudaan kibbaa labsii kana kan baasee kamisa kaleesaa hiriirri mormii mootummaa Sudaan balaaleffatu yemmuu taasifamaa ture, magaala gudicha biyyatti Jubbaa keessatti, saamichii waan raawwachaa tureef akka ta’e ibsameera.
Haanga’an Poolisii Sudaan kibbaa Abrahaam Maanyu’at, magaala jubbaa keessatti akka lakoofsaa Ityoophiyaatti galagala Sa’atii 12 kaasee sochiin akka dhorkame beekisisaniiru.
Tarkaanfiin sochii daangesuu kun magaalota biroo, Boor Aweel fi Waa’uu keessatis akka hojii irra oolfamu beekameera. Magaala Jubbaa keessatti jimaata har’aa manoottan daldala cufamanii kan oolan yemmuu ta’u, poolisoonni fi miseensonni umna waraanaa magalicha keessatti bobba’anii akka jiran beekameera.
Prezidaantiin Sudaan kiibaa Salvaa Kiir akka lammileen biyyatti tasgabaa’anuu fi namoottaniif eegumiss barbaachisaa ta’e taasifamuuf dubbachuu isaanii ibsii waajjira Prezidaantii irraa bahe beeksiseera.
Hiriirri mormii Sudaan irratti xiyeeffate, lammiileen Sudaan kibaa 29 ta’an kutaa biyya Sudaan, Al Jaziraa , bakka addaa Wad Madanii jedhamu keessatti ajjefamuu isaaniitin kan ka’e akka ta’e kan gabaasee maddi oduu Ajaans Firaans Prees waa’ee namoottan ajeefamaniiru jedhamee irratti odeeffannoo akka hin qabne ereera.
Waraanii Sudaan baka Wad Madaanii jedhamu garee Umna dafee qaqqabaa isa RSF jedhamee beekamuu irraa torban darbee deebisee fudhachuun isaa gabaasameera.
Forum