Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mormii Barattootaa Yunivarsitii Haramaayaa Keessaa


Haramaya university
Haramaya university

Yunivarsitii Haramaayaa keessatti wal-dhideen barattootaa fi humnoota mootummaa gidduutti geggeessamu torbanneen lakkoobsisuu isaa dubbatu, barattoonni yunivarsitichaa.

Akkuma guutmmaa Oromiyaa keessatti geggeessamaa ture, mormii barattoonni Yunivarsitii Haramaayaa geggeessaniin wal-qabatee barattoonni hidhamanii turna achii-bbuteen isaanii dhabamuu fi waraanni mooraalee Yunivarsitichaa keessatti bobbaafamuu mormuudhaan gaaffiin barattoonni Yunivarsitichaa “kaasne” jeddhan deebii quubsaa dhabuu tu mormii barattootaa marsaa ammaa kana kakaase, akka barattoonni jedhanitti.

Mormiiwwan barattoonni bifa adda addaan kaasan irraa kan ka’e, waraanni federaalaa “Agaazii” jedhamuun beekamu, halkan halkan barattoota doormii dhaa yaasuudhaan, hiriirsisee ka reebaa jiru ta’uu isaa illee dubbatu barattoonni.

Akka barattoonni mooraalee Yunivarsitichaa keessaa hin baane mooraalee martinuu torban tokkoo oliif cufaatti turan, jedhu – barattoonni. Ka dhimma kana akka qabbaneessaniif gara sanatti ergaman, Ministarri Horsiisa Qurxummii fi Beeyladaa, Obbo Sileshii Getaahun, immoo barattoonni guyyaa lamaaf barnoota dhaabanii turan. Amma garuu, gaaffiin isaanii deebii argatee gara barnoota isaaniitti deebi’anii jiran, jedhan.

Guutummaa qophii kanaa dhaggeeffadhaa.

Mormii Barattootaa Yunivarsitii Haramaayaa Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:15:11 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG