Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dambi-Doolloo Keessatti Barattoonni Manneen Barnootaa Hundaa Barnoota Dhaaban. Yunivarsitii Wallaggaa fi Koolejii Leenjii Barsiisotaa  Naqamtee Keessattis Akkasuma


Magaala Dambii Doolloo
Magaala Dambii Doolloo

Godinaa Qellem Wallaggaa, magaalee Dambi-doolloo keessatti raayyaan ittisaa bobba’ee uummatga hiraasaa jira – jechuudhaan, barattoonni manneen barnootaa magaalattii keessa jiran cufa keessaa baratan barnoota dhaabanii jiran – jiran jiraattonnii fi aangawaan naannoo sanaa. Sababaaa kanaan manneen barnootaa magaalattii keessaa sadarkaa tokkoffaa dhaa kaasee hanga koolejjiitti cufaa ta’uu isaa dubbatu.

Godinaa Wallgga Bahaa, magaalaa Naqamtee keessa kanneen jiran – Yunivarsitii Wallaggaa fi Koolejii Leenjii Barsiisotaa Naqamtee keessattis akkasuma barattoonni “humna raayyaa ittisaa wajjiin mooraa tokko keessa teenyee, doorsisamaa fi hiraarsamaa barachuu hin dandeenyuu tii nu irraa haa baf’an! Hoogganootni siyaasaa mana hidhaa jiran haa hiikaman!” kanneen jedhanii fi gaaffiilee ka biroo kaasuudhaan barnoota dhaabanii ba’uu isaanii jiraattonni magaalattii dubbatanii jiran. Aangawaan nageenyaa magaalaa Naqamtees akka barattoonni gaaffiilee akkanaa kaasanii mormii isaanii dhageessisaa akka odeeffannoo qaban dubbatu.

Dambi-Doolloo Keessatti Barattoonni Manneen Barnootaa Hundaa Barnoota Dhaaban
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:44 0:00
Dambi-Doolloo Keessatti Barattoonni Manneen Barnootaa Hundaa Barnoota Dhaaban. Yunivarsitii Wallaggaa fi Koolejii Leenjii Barsiisotaa  Naqamtee Keessattis Akkasuma
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:52 0:00

XS
SM
MD
LG