Hiriirri mormii Itiyoopiyaa naannoo Oromiyaa keessatti ka’e sochii uummataa ti jedhu dura taa’aan Congresii Federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddina. Mootummaan sagalee uummataa akka dhaggeeffatu illee waamicha dabarsan.
Qabsoon keenya hamma biyyi dimokratawaan , sirni siyaasaa lammiiwwan mara haammachiise biyyattii keessati uumamutti itti fufa. Wareegama hagamii iyyuu haa gaafatu malee jedhan.
Mootummaan tooftaa waadaa fi adabaatti gargaaramaa jira. Muummichi ministeeraa Hailemariam Desaleny jijjiirammi siyaasaa akka dhufu waadaa seenan garuu yeroon itti darbeera jedhan Dr. Mararaan. Seeran bakkatti deebisa jechuu dhaanis mootummaan labsii yeroo hatattamaa labse jedhan.
Mormii dhiyeenya ka’een qabeenyaa investeroota alaa irratti fuullefatame. Warsahalleen fi qonnaan abaaboo hagi tokko Konkolaattota 60 kanneen ta’an immoo naannoo Oromiyaa keessatti gubamaniiru. Lammmiin Ameerikaa hojii qorannaa irrati bobbaate tokkos ennaa konkolaataan ittiin adeemaa turte haleelametti lubbuun darbe.
Gareeleen mirga namaa kan akka Amnesty International humnootiin mootummaa hiriirtota mormii irratti humna hammaa ba’aa gargaaraman jechuun qeeqan. Baatii Hagayaa keessas naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti ennaa humnoonni mootummaa hiriirtota farra mootummaa hidhannoo hin qabaanne irratti dhukaasanitti hedduun ennaa du’an kanneen dhibbaan laka’aman immoo madaa’anii jiran.
Radiyoon sagalee Ameerikaa ministeera waajjira kominikeeshinii biraa argachuuf yaaliin hedduun taasisame deebii hin arganne.
Itti gaafatamaan garee transparency group jedhamuu Elise Dufief akka jedhanitti aarii tu gara qabsoo siyaasaatti jijjiirame.
Sababiin isaa hookkarri ennaa karaa akkasii uumamu mootummaa dhaaf sababaa inni dubbatu ka biroo uumaaf. Humnoonni kun kanneen badii uumani. Kanneen akkasii waliin marii ykn falmii geggeessuu dhugumatti hin dandeenyu.mala ittiin gara fuula duraatti sosso’an irratti marii ijaarsaa geggeessuu hin dandeenyu. Kanaaf kan nuti gochuu dandeenyu aboo keenya cimsuu dhaan uummati kun siyaasa biyyattii keessatti sagalee akka inni qabaanne mirkaneeffachuu dhaan waan isaan dhiyeeffatan akka hin dhaga’amne goona jedha jedhan.
Dufief akka jedhanitti hiriirtonni mormii kun sagalee isaanii dhagdeessisuuf tooftaa adda addaatti fayyadamuu yaalan jedhan. Dr. Mararaan garuu hiriirtonni dhuma irratti waan barbaadan beeku jedhan.
Uummati amma jijjiirama dhugaa fedha. Jijjiirama dhugaa fi qabatamaa arguu fedha malee waadaa duwwaa ta’e miti jedhan.
Mormiin kun Sadaasa bara 2015 ennaa mootummaan master plaanii Finfinnee labsu jalqabame. Ergasii qabee mormiin kun babal’atee mirgi namaa akka eegamu, bakka bu’ummaan siyaasaa fi hirmaannaan siyaasaa akka jiraatu gaafachuu dhaan itti fufe.