Tilmaamni galii guyyaa dabaluu irraan kan ka’e ammas godinaalee Oromiyaa mgaalaalee adda addaa keessatti mormiin gabaa lagachuu itti fufee jiraachuu jiraattonni dubbataa jiru.
Hamma mootummaan deebii nuu kennuun dilaala kana nu irraa xiqqeessutti mormii keenya itti fufna kan jedhU. Itti gaafatamaan biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootummaa Oromiyaa obbo Addisuu Aragggaa komee uummataa dhiyaataa jiru kanaaf deebii kennaniin koreen komii uummataa dhaggeeffatu hundaa’ee daldaltota mariisiisuuf tattaaffii gochaa jirra jedhan.
Har’as mormiin itti fufee jiraachuu isaa jiraattonni magaalaalee adda addaa nuuf ibsanis Obbo Addisuun mariin geggeessame bu’aa argamsiisaa jira jechuu dhaan daldalaawwan bakka adda addaa jiran banamanii hojii eegalaa jiru jedhan. Bakka tokko tokkottu amma iyyuu mormiin laguu gabaa itti fufee jiraachuu garuu hin haalle.