Bulchiinsa Naannoo Oromiyaa, Godinaalee fi aanaalee adda addaa keessatti mormiin baatiilee saglan dabaraniif geggeeffamaa ture, torbanneen lamaan dabran kana keessa deebi’ee babal’achuu isaa fi ijoolleen umuriin isaanii 13 faa dabalee – hiriirtonni heduun rasaasaan ajjeesamuu isaanii – Paartiin mormituu, Kongiresiin Federaalawa Oromoo fi jiraattonni bakkawwan mormiin itti geggeessamee Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.
Kan ani Kaleessa Finfinneetti bilbilee haasofsiie - Itti-aanaa Dura-taa’aan Koongiresa Federaalawa Oromoo – Obbo Mulaatuu Gammachuu akka jedhanitti, mormiin Oromoo baatiilee sagaliif geggeessamee ture amma deebi’ee babal’atee – Godinaalee akka Hararghee Bahaa fi Lixaa, Arsii Lixaa, Shawaa Lixaa, Wallgga Lixaa, Qellem Wallaggaa fi Horro-Guduruu Wallaggaa keessatti itti fufee jira – jedhan. Mormii kana dura-dhaabbachuuf tarkaanfii humnoonni mootummaa fudhataniin namoonni du’uu ka gabaasaa argatan ta’uu illee dubbatanii jiran.
Bakkawwan Obbo Mulaatuun maqaa dhawan keessaa tokko – Godinaa Harargee Lixaa, aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa ti. Waa’ee mormii magaalattii keessatti geggeessamee fi tarkaanfii humnoonni mootummaan fudhatan, jedhamuu, jiraattonnii fi poolisiin magaalattii ibsanii jiran.
Qophii guutuu dhaggeeffadhaa