Xurree ittiin seenan

Breaking News

Mucaa koo Kan Waggaa Tokkoo Waliin Hidhamnee Jirra:Baqattuu Tripolii Keessaa


Mucaa koo Kan Waggaa Tokkoo Waliin Hidhamnee Jirra:Baqattuu Tripolii Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:06 0:00

Magaala guddoo Libiyaa Triipolii keessa kan jiru mana hidhaa Mabaanii jedhmu keessaatti hokkara ka’een godaantoonni achii keessatti hidhaman keessaa yoo xiqqaate 6 ajjeefamuu Jaarmayaan Godaantoota Addunyaa (IOM) gabaasee jira.

Kanneen hidhaa keessaa jiran kana keessaa tokko haadha mucaa ishee waggaa tokko ta’e fi abbaa warraa dabalatee erga waliin hidhamanii guyyaa 7 guutuu dubbatti.Libiyaa eega seentee waggaa 5 yoo ta’u maqaa ishee sodaa nageenyaaf jecha akka hin ibsamnee gaafachuun,waan nyaatan hin jiru, lafa gogaa irra ciifna jetti.

Hidhaa kana keessatti mucaa koo waaniin nyaachisuu dhabe,yaaddoon koo guddaan mucaan koo waa najalaa ta’a kan jedhu jette.Haadholii baayyeen ijoollee qaban mara waliin hidhamanii jiru.

Jaarmayaan Godaantoota Addunyaa (IOM) godaantoota seeraan ala hidhuu reebuu fi dararuun kun sirrii miti jechuun balaaleeffatee jira.Dhaabnii baqattootaa kan Tokkummaa mootummootaa(UNHCR) hedduun mana hidhaa namnii keessatti heddumaatu fi qulqullinni hin eegamnee keessatti hidhaman jedha.

Gareen mirga dhala namaaf falmuu Amnestii intarnaashinaal, hidhaa keessatti dararaa fi humnaan gudeeddiin irratti gaggeeffama jedhee jira.

Gabaasa guutuu caqasaa

Mucaa koo Kan Waggaa Tokkoo Waliin Hidhamnee Jirra:Baqattuu Tripolii Keessaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:06 0:00


XS
SM
MD
LG