Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummeen Ministera Itoophiyaa, Abiy Ahmed jaarrolee marii Waldaa Afrikaatiin Finfinneetit wal mari’ate


Ethiopian Prime Minister Abiy Ahmed meets with AU envoys in Addis Ababa
Ethiopian Prime Minister Abiy Ahmed meets with AU envoys in Addis Ababa

Jaarroleen marii Waldaa Afrikaa tun pirezidaantii Laaybeeriyaa ta durii, Ellen Johnson-Sirleaf, pirezidaantii Mozaambiqi ka durii Joaquim Chissano fi pirezidaantii Afrikaa Kibbaa ka durii Kgalema Motalanthe.

Motalnthenitti gaafatamaa waldaa Afrikaatii fi pirezidaantii Afrikaa Kibbaa Cyril Ramaphosa fulaa bu’ee dhufe.

Akka ibsa waajjira muummee ministeratti Aby haga guddaan waan Tigraayitti itti jiranii fi maalii akka lola sunitti jiran itit hime.

Akka ibsa kanaatti miilotii TPLF waraana barbaadanillee bulchiinsii Itoophiyaa ganna lama caalaa obsaa ture.

Obsuma kana keessa hajaja waraana federalaa Tigraay jiru lolan mootummaan seera kabachiisuuf lola kanatti seene jedhe.

Akka jecha muummee ministeraatti mootummaan nagaa eegaa ummatallee waraana jidduutti akka hin miidhame eegata.

Waraanii magaalaa fi lafa namii itti gobbate keessatti hin lolu jedhe marii sun irratti.

Ummata naannoo Tigraay jiru gargaaruuf koreen gargaarsaa yayyabamtee ministera nagaa waliin tahanii Tokkummaa Mootummootaallee itti dabalaanii gargaaan jedhe

Mootummaan jara Tigraayii baqatellee hin gargaraa nagaa lafaallee tissee Itoophiyaa gostii cuftii walqixxee qooda keessaa qabdu qabaachuuf hojjata jedhe.

Lolii Tigraay nama kuma 43 caalaa Suudan Kibbaatti baqachiise.Koomishineerii UNHCR akka baqataa kana itti gargaaran tohachuuf Suudan jira.

Akka koomishineer Fillipo Grandi jedhetti xuyyuurii gargaarsa toonii 32 fa’atee Dubaahii kahe hardha Kaartum gahe. Wiixatallee toonii 100 fa’atee dhufa.Lola Tigraayitti itti jiraniin nama kuma 43 baqatee hagii guddaan ijoollee jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG