Bulchiinsa naannoo Amaaraa godina Gondoor Kaabaa aanaa Dabaarq keessatti balla konkola’ataa muudateen, namoottan 16 du’uu isaanii haanga’aonii Poolisii godinichaa beeksisaniiru.
Aanga’an Poolisii godina Gondor Kaaba Inispeekter Yibelxaal Mershaa akka sagalee Amerikatii himaniitti, Qixata dheengadaa Guraandha 17 bara 2017 ALI ti Saafaa booda konkola’ataan namoottaniifi mi’aawwan fe’ee bakka Beyedaa jedhamu irraa ka’ee gara Dabaarqitii imalaa ture bakka addaa Abergiinaa jedhamutti gara galee namoottan 16 batalumatti Du’anii namoottan 35 ta’an immoo madaa’aniiru.
Namoottan madaa’anii Hospiitaala seenaan keesaa nammii Yohaanis Jedhaman akka sagalee Amerikaatti himanitti, buqaatotaa naanichaa keesaa qubatanii turan keesaa 18 hojii barbaachaaf jechaa deemaa turan konkola’tichaa keessa kan jiran yemmuu ta’u isaanii keessaa namoottan Afur du’aniiru.
Aanaa Dabaarq keessa buqaatonni kuma Lama ta’an akka jiran kan ibsee gabaasinii Asteer Misgaanaawun VOA dhaf ergame konkola’achiisaan konkola’ataa balaan sun irraa gahee waan miliqeef hordoofiin irrati taasifamaa akka jiru haanga’onii Poolisii ibsuu isaanii eereera.
Forum