Xurree ittiin seenan

 
Naannoo Amhaaraa Keessatti Sababaa Dhabamuu Nageenyaatiin Abbootiin Seeraa 89 Hojii Isaanii Gad-Lakkisuun Ibsame 
Breaking News

Naannoo Amhaaraa Keessatti Sababaa Dhabamuu Nageenyaatiin Abbootiin Seeraa 89 Hojii Isaanii Gad-Lakkisuun Ibsame 


Naannoo Amhaaraa Keessatti Sababaa Dhabamuu Nageenyaatiin Abbootiin Seeraa 89 Hojii Isaanii Gad-Lakkisuun Ibsame
Naannoo Amhaaraa Keessatti Sababaa Dhabamuu Nageenyaatiin Abbootiin Seeraa 89 Hojii Isaanii Gad-Lakkisuun Ibsame

Akkaataa waligaltee dhukaasa dhaabuu garee finciltootaa kibba Libaanoon keessa socho’u Hizboolaah motumma libaanoon wajjin irra gahameen, waraanni Israa’el yeroon lafa Lebaanoon guutummaati gad lakkisee boodatti deebi’u yemmuu dhumee jiru kanatti unmooni Israa’eel bakkaawan Shan irra akka turan haanga’onii biyyatti beeksisaniiru.

Murtoo Isaareel kana irratti ibsa waloo kan kennan Prezidaantiin, muummeen ministiraa fi afaan yaa’ii mootummaa Libaanoon dhaabbata mootumoota gamtoomanitti manni maree nageenyaa Israa’el akka biyyaa isaanii gad lakkiftee baatu akka dhiibba godhu gaafataniiru. Israa’eel daangaa Libaanoon qabatee turuun ishees akka seera adduunyaatti gochaa weeraraa akka ta’es haanga’onii Libaanoon ibsa isaanii keessatti eeraniiru.

Akkaataa waligaltee dhukaasa dhaabuu taasifameen, waraanni Israa’el amma dhuma ji’a Amajjiitti libaanoniin gad lakkisee akka bahu, gareen Hizboolaah daangaa Israa’el irraa akka fagaatu, bakka waraanni Israa’elii fi Hizboolaan gad lakkisan umnii naga eegdotaa mootumoota gamtoomanii fi waraanni mootummaa Libaanoon akka too’achuu qabu. akkaata waligaltee sanaatti guyyaan waraannii Israa’el dachee Libaanoon gad laakisee bahu amma qibxata har’aatti akka dheeratu taasifamuun isaa ni beekama.

Lebaanonitti jila addd dhaabbata mootumoota gamtoomanii kan ta’an Jeniin Heeniis- Plassichaart fi Libaanonitti ajajaan umnaa naga eegdota dhaabbata mootummota Letena jeeneraal Aroldo Lazaro, waligaticha hojii irra oolchuudhaaf haalli yeroo dheeresuun waan hin ta’a jedhanii yaadan akka hin taane ibsuudhan gareewwan hunduu akka waligaltee isaaniif aboomaman gaafachuun isaanii gabaasameera.

Ministirri Itisaa mootummaa Israa’el, Israa’el Katz waraanii isaanii lafa Israa’elii fi Libaanoon Giduutti argamu keessa bakka Shan irraa akka turu ibsanii, hokkoraa gareen Hiziboolaah raawwatu kamiinuu dura umnaa akka dhaabatan beeksisaniiru.

Waligalteen dhukaasa dhaabuu dhimma Libaanoon irratti dhumma ji’a Muddee taasifame xiyyaara waraanaa dabalatee ji’oottaniif libaanoon keesatti haleellaa taasifamaa ture kan qabbaneese ta’uun isaa gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG