Dhukuba Koleeraatiin Namoottan 30 ta’an du’uu isaanii anga’oonni bulchiinsa naannoo Gambeelaa ibsaniiru.
Bulchiinsa naannoo Gambeela keessatti weerara koleeraa mudateen ji’a tokoo keessatti namoottan 30n du’uu fi 1000 kan ta’an immoo dhukubsachuu isaanii haanga’onii beeksisaniiru.
Itti gafatamaan biiroo fayya Dodina Nuuweer Obbo Gaatbeel Girmaal akka sagalee Amerikaatti himaniitti, bakka rrearichii dursee itti mul’atee aanaalee Waantaa fi Akooboo keessatti ammayyuu tatamsa’inii dhukubichaa itti fufee jira.
Itti gafatamaan Biiroo fayya bulchiinsaa naannoo Gambeellaa Dokteer Abeel Asefaa dhukubicvha too’achuudhaaf hojjatoota fayya gahaa gara rakinichii muudateet ergamuu isaanii sagalee Amerikkatti himaniiru.
Itti gafatamaan hospitaala Gambeeela Sadarkaa tokkoffaa obbo Roon Goon namoottan dhukuba Kanaan qabaman 22 hospitaalicha keessaatti waldhaamanii bahu isaanii ibsaniiru.
Naannoo gambeelaa godina Nuweer, aanalee Akooboo, Laaree, Maakooy fi Wontaawoo keessatti akkasumas godina Inyoor fi bulchiinsa magala Gambeelaa keessaatti weerarri Koleeraa muudachuu isaa sagaleen Amerikaa gabaasuu isaa Asteer Misgaanaahu gabaasteetti.
Forum