Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannoo Oromiyaa Bakkawwan Walitti-Bu'insi Jirutti Dhukkubni Busaa Hammaataa Deemuun Gabaasame 


Dhukkubi Busaa bakkawwan walitti bu'iinsi jiru Naannoo Oromiyaa keessatti hammaataa adeemuun ibsame
Dhukkubi Busaa bakkawwan walitti bu'iinsi jiru Naannoo Oromiyaa keessatti hammaataa adeemuun ibsame

Addunyaa irratti waggaatti namoota dhukkuba busaa qabaman miiliyoonii 200 fi miiliyoonii 50 fi kaneen dhukuna Kanaan du’an namoota kuma 600 ol keessaa gara dhibeentaan 95 kan ta’an Afrikaa keessaa akka ta’e haabbanni Fayyaa Addunyaa yemmuu ibsaa jiru kanatti, Ityoophiyaatti bakkawwan walitti bu’isii itti hammatan keessatti haalii Busaa caala hamaa ta’uun isaa gabaasamee jiraa.

Maddii Oduu Ajaans Firaans Prees/AFP akka gabaaseetti, naanoo Oromiyaa keessatti lola waraana mootummaa fi waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifamaa jiruun, bara 2018 kaasee tajaajillii gargaarsa fayyaa garmalee jeeqamee jira.

Ganda xiqoo Lixa naannoo Oromiiyaatti argamuufii Lalistuu Loophii jedhamu keessa nammi jiraatanfi Lamma Tafarraa jedhamanuu dhukuba busaa Kanaan Ijoolleen isaanii Afur akka jalaa du’an ibsuu isaanii kan gabaasee AFP, bara darbe baatii Amajii irra hanga Onkoloolessaa gidduutti Ityoophiyaatti namoota dhukkuba busaa qabaman gara miiliyoona 7.3 fi kaneen du'an kuma Tokkoo fi 157 akka ta’an dhaabannii fayyaa adduunyaa / WHOn galmeesuu isaa eereera.

Bara 2023 lakoofsii namoottan dhukuba busaatiin du’an, keessumaa naannoo Oromiyaa keessatti dachaadhaan dabaluu isaa kan ibsee baddi oduu AFP, Kan haasofsiisee Daarekteerri Hospitaa waliigalaa Najjoo Legesee Bulchaa akka ibsanitti, waggoottaan Sadan darban keessatti dhukubiichii dabalaa deemee, bara 2023-2024 ti dhukkubsattoota 26,000 hospitaallicha keessatti yaalaman keessaa dhibeentaa 70 kan ta’an kaneen dhukkubni busaa isaan qabe yoo ta’u, sanaan dura dhibeentaa 20 caalee akka hin hin beekne ibsaniiru.

Ityoophiyaatti qindeesituu dhaabbata doktoorotaa daangaa hin qabnee kan ta’an, Raacheel Segu’iin dhibeen busaa bara 2024 biyyatii keessatti mulate,yeroo kamiyyuu kan caaludha jedhanii, barrii itti aanuu immoo caalaa hamaa ta’uu akka danda’u himaniiru.

Dhaabbanii misooma aduunyaa Yunaayitid Isteets/USAIDn gargaarsii isaa addaan cituu isaatiin kan ka’e balaan busaa fi dhukuuboota daddariboo biroo akka dabalaa deemuu maddi Oduu AFP kan haasofsiisee Dokteer Nuurediin Luuqee Oromiyaa irraa ibsanii jiru.

Mootummaan Yunaayitid Isteets, kanaan dura maallaqa waggaa waggaadhaan arjoomu keessaa gara dhibeentaan 40 kan ta’u to’annoo fi qorannoo dhukkuba busaatiif kan oolaa ture akka ta’e gabaasameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG