Xurree ittiin seenan

 
Naannoo Tigraay Aanaa Sehaartii Humnoota Naga Eegumsaa fi Jiraattota Gidduutti Walitti Bu’iinsa Uumameen Namoota 17 Irra Miidhaan Ga’e
Breaking News

Naannoo Tigraay Aanaa Sehaartii Humnoota Naga Eegumsaa fi Jiraattota Gidduutti Walitti Bu’iinsa Uumameen Namoota 17 Irra Miidhaan Ga’e


Naannoo Tigraay Aanaa Sehaartii Humnoota Naga Eegumsaa fi Jiraattota Gidduutti Walitti Bu’iinsa Uumameen Namoota 17 Irra Miidhaan Ga’e
Naannoo Tigraay Aanaa Sehaartii Humnoota Naga Eegumsaa fi Jiraattota Gidduutti Walitti Bu’iinsa Uumameen Namoota 17 Irra Miidhaan Ga’e

Godina Tigraay kibba bahaa aanaa Sehaartii ganda Addis Alen jedhamu keessatti Roobii kaleessaa humnoota naga eegumsaa fi jiraattota naannoo gidduutti walitti bu’iinsa uumameen namoota 17 irra miidhaan ga’uu bulchiisa yeroo jalatti bulchaa aanaa sanaa ta’uun kan muudaman obbo Ataakiltii Girmaay VOAtti himaniiru.

Humnoonni naga eegumsaa, gandeen aanaalee sanaa mara keessatti garee ABUT KAN Doktor Debiretsiyooniin hoogganamutti humnaan aangoo dabarsuuf socho’aa jiru jedhan.

Gandeen mara keessaa kaleessa chaaphaa deebisaa jevchaa oolan. Uummanni haa filus haa dhiisus dhimma keenya miti, kan hoogganuu qabu garee Debiretsiyooni jechuu dhaan jalqaba jaarsummaan jalqaban, boda irra garuu kan ganda sanatti bobba’an milishoota jedhan.

Dhimma isaa bulchiisa yeroof kan beeksisan ta’uu kan ibsan obbo Ataakiltiin, kaleessa namoota miidhaan irra ga’e keessaa tokko akka hamaatti madaa’ee gara Hospitaala Maqalee Aayider Riferaaltti ergamuu ibsaniiru. Obbo Ataakiltiin humnoonni naga eegumsaa paartii siyaasaa tokkoof looganii gara uummataatti dhukaasuu utuu hin taane, ga’een isaanii nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu tiksuu dha jedhan.

Kaleessa walitti bu’iinsi kan keessati uumame bulchaa ganda Addisaleem Alaqaa Melles Aseggid, baatii Amajjii darbee jiraattotaan bulchaa ganaa ta’anii akka filastaman dubbataniiru. Kaleessa namoonni hidhatanii fi Armii-26 kan jedhamu caasaa nageenyaa irraa gara gandattii dhufanii humnaan Chaappaa na harkaa fudhatan jedhan.

Paartileen Arena Tigraay, Wuddib Natsinnet fi Baayitoonaan gamtaan ibsa baasaniin, uummanni Tigraay waliin kan hundeesse raayyaan ittisaa faayidaa garee tokkoof ooluun fudhatama hin qabu jedhan. Saalsaay Weyyaane Tigraay gama isaan ibsa wal fakkaatu baaseen, dararaa fi fixiinsa keessaas haa ta’u alaa dhfuuf obsa hin qabnu jedhee, Sehartii fi naannolee biroo keessatti uummata irratti qaamonni yakka raawwatan seeraan gaafat6amuu qabu jedhe jechuu dhaan Mulugeta Atsbeha gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG