Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namii Itoophiyaa dhiyoo Jubuutii baqate 4,000 oli hagii guddaan Oromoo. Warrii Oromiyaa gama Kibbaattii baqate kaan hoo maan keessa jira?


Baqattoota Oromoo Sololoo,Keenyaa jiran
Baqattoota Oromoo Sololoo,Keenyaa jiran

Jibuutii keessaa Oromoo kuma 4 olitti baqate bahe, warrii qaraa lola daarii baqate ala jiru maan keessa jira?
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:58 0:00

Wal dhabii daarii Oromiyaatii fi naannoo Somaalee ganna tokkoon duratti akka malee keessa hammaate Oromoo kuma dhibba hedduu Jigjigaa, Boorana, Gujii,Haragee lamaan,Baalee baqachiise kaan ammallee woma sun fakkaataatiin mumullata.

Jibuutii keessallee Oromoo hedduutti baqatee bahuutti jira.Akka itti aanaan Koomishineera koomishiinii hooggansa balaa Oromiyaa, obboo Garramuu Oliiqaa jedhetti nama kuma hedduu achii bahee "olola sodaatee bahe."

Nama dhiyoo baqatee bahe keessaa akka bulchaan Harargee Dhiyaa,obboo Teklee Dheeressaa jedhetti 2,003 godina isaanii aanaa Mo’eessootii fi Asabootitti qubate.

Ka Jibuutii baqatelleen waan qabu lafumatti jissee lubbuma ufiitiin keessaa faaqqise.

Akka koomishineera Garramuun jedhetti namii hedduun ammallee baqachuu dandaha.Ka baqatu hagii tokko Dirree Dhawatti bu’ee achii naannoo isaatti qubsiisan.

“Jidduu galeessallee baaburaan dhufan.Warra argine keessaa Oromoonis jira. Sabni kibbas keessa jira sabaa fi sabalammiin addallee keessa jira.Olola achitti odeessan dhagahee ufi sodaatanii akka bahan nu agarsiisa.”

Tana maleellee “Hooggansi sodaa balaas Finfinnee naannoo Labuu dhufee isaan simate.”

Waan Oromoo biyya Jibuuttii keessaa baqachiise kana bulchoota biyya lamaaniitti wal dubbachuutti jira.

Wal dhaba daarii Oromiyaatii fi naannoo Somaaleetiin akka obboo Garramuun jedhetti nama kuma 900 caalaatti baqate.

Kana keessaa gargaarsa mootummaa,abbootii qabeennaa, nama dhuunfaatii fi gargaarsa akka akkaatiin magaala 11 keessatti nama 36, 471f mana jaaranii keessa jiran.

Namii kuma 200 dhiyaattu ammoo akka jecha itti aanaa koomishineeraatti laftii nagaa taatee jennaan ona ufiitti gale.

Wal dhaba daarii Somaaleetii fi naannoo Oromiyaa godina Oromiyaa 6 fi magaalaa 28 keessaa Oromoo baqachiise.

Gama kaaniin ammoo namii Boorana aanaa Mooyyalee, Areeroo,Guchii,Gujii Dhiyaatii ammoo Bulee Horaatii fi Gujii Bahaa aanaa akka akkaa keessa jirulleen hagii tokko bulchiinsii dhiphuu fi bal’innaan dhufee nu hin laalu jedhee himachuutti jira.

Obboo Garramuun ammoo koreen gargaarsaa biiroo pirezidaantiin Oromiyaatii haga aanaatti “koree manaa maree sodaa balaa Oromiyaa,” jedhanii yayyaban guyyuma guyyaan waan namii keessa jirtu oli dabarsitiif.

Biyyitii UAE ammoo akka koomishineerii jedhutti Boorana,Gujii fi Baaleetti nama 25,000 tahuuf gargaasa kennite.

Wal dhaba naannoo Oromiyaatii fi naannoo Somaaleetiin akka obbo Garramuun jedhetti Oromoo kuma 900 caalaatti baqate smmallee kuma 700 fi kuma 78caalaatti fuluma itti baqate jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG