Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namoonni Miliyoonni Tokko Waraana Sudaan Dheessuun Gara Sudaan Kibbaatti Baqatan


Namoonni Miliyoonni Tokko Waraana Sudaan Dheessuun Gara Sudaan Kibbaatti Baqatan
Namoonni Miliyoonni Tokko Waraana Sudaan Dheessuun Gara Sudaan Kibbaatti Baqatan

Namoonni miliyoona tokkoo ol waraana Sudaan baqatanii gara biyya ollaa Sudaan Kibbaatti baqachuu isaanii Tokkummaan Mootummootaa kan beeksise yoo ta’u, lakkoofsi kun guddina rakkoo namoomaa mul’achaa jiru agarsiisa jedheera.

Erga Ebla 2023 waraana Sudaan fi garee waraana saffisaa RSF gidduutti waldhabdeen uumamee booda kanneen kuma kudhaniin lakkaa’aman ajjeefamanii, miiliyoona 12 ol ammoo qe’ee isaanii irraa buqqa’uuf dirqisiisamaniiru.

Ji’oota 21 darban keessa namoonni kuma 770 ol karaa daangaa Joordaa qaxxaamuraanii kan baqatan yoo ta’u, kuma kudhaniin kan lakkaa’aman ammoo karaa biraatiin gara Sudaan Kibbaatti ce’uun walumaa gala miliyoona tokkoo ol akka ta’e ragaa haaraan Tokkummaa Mootummootaa Kibxata darbee ni mul’isa.

Namoonni miliyoona sana keessaa irra hedduu daangaa ce’an keessaa harki caalaan isaanii lammiilee Sudaan Kibbaa kanneen kanaan dura wal waraansa biyya ofii baqatanii turan ta’uu UNHCR ibsa baaseen beeksiseera. Namoonni kun baqachuun rakkoon jiru hammaataa adeemuu mul’isa jechuu dhaan UNHCR irraa Abdallaa Omer beeksisaniiru.

Ummanni Sudaan Kibbaa arjummaa adda ta'e agarsiisuu itti fufeera, warra rakkatan simachuu fi qabeenya xiqqoo qabu qooddachuu, garuu itti gaafatamummaa guddaa kana kophaa isaa ba'uu hin danda'u jedhan Abdallaan.

Ibsi Tokkummaa Mootummootaa kun, buqqaatotas ta’e hawaasa isaan keessummeessaniif deeggarsa dabalataa akka godhamu gaafatee, qabeenyi Sudaan Kibbaa kan akka eegumsa fayyaa, bishaanii fi gaaddisa garmalee dhiphachuu isaa akeekkachiiseera.

Giddu-galli ce’umsaa lama daangaa kaaba Sudaan Kibbaa kutaa Reenkii keessatti argamu, namoota kuma 5 gadi ta’aniif kan qophaa’an yoo ta’u, amma garuu namoota kuma 16 ol keessummeessaa akka jiran ibsichi ni mul’isa.

Torban darbe Sudaan Kibbaatti mormiin farra Sudaan gara saamichaa fi hookkaraatti erga jijjiiramee booda lammiileen Sudaan 16 ajjeefamaniiru jedha poolisiin.

Sudaan rakkoo lammiiwwan biyya ofii keessatti qe’ee irraa buqqa’an kan addunyaa irratti isa hamaa ta'een kan rakkachaa jirtu yoo ta'u, beelli kutaalee biyyattii hanga tokko mudachuun labsameera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG