Pireezidaantiin filataman Doonaaldi Tiraampi muudama lama kan Ministira Humna waraanaa fi Abbaa langaa walii galaaf kennuuf jiran namoonni muudaman lamaanuu himannaa Kanaan dura gudeeddii waliin wal qabatee isaanirra tureen seeneetii keessatti gaaffii kaasuu mala jedhamee sodaatama.
Pireezidaantiin filannoo Injifate Tiraampi muudamoota murteessoo ta’an lamaan kan Ministira humna waraanaaf oduu dhiyeessaa Fooksi Niwuus Piit Heegzeet fi abbaa alangaa walii galaaf miseensa seeneetii duraanii Maat Geetiif kennuun lamaan isaaniiyyuu kanaan dura himannaa dhimma yakkaa qunnamtii saalaan walqabaterratti dhihaatee tureen mana maree seera tumtootaa biratti yommuu muudamni isaanii raggaasifamuuf deemu gaaffii kaasa sodaa jedhu ka’aa jira.
Dhiyyeessaan Oduu Fooksi Niwuus Piit Heegzeet namni ga’eessa ganna 44 ta’e bara 2017 himannaa sagaagalummaa narratti raawwatameera jechuun dubartiin tokko irratti dhiyyeessiteen ifatti ba’een booda maallaqa hangi isaa hin ifoomiin kaffaleefi himannichi kan bu’uura hin qabne akka jedhamu taasiisuu isaa Abukaatoon isaa Tiim Paarlatori torbaan kana keessa himeera.
Miseensa mana maree bakka bu’ootaa kan ta’e Maat Geet torbaan darbe yommuu koree namuusaa mana marichaatti dhiyyaatee qorannoon irrati taasifamuuf guyyaan tokko hafutti mana marichaa keessaa of baasuu kan ibse. Yeroon aangoo isaa inni wagga lamaa kan marsaa Arfaffaa xumuramuuf dhiyyaatteeru Koreen naamusaa shamarree wagga 17 walinn sagagaaluu fi qoricha sammuu namaa adoochu fayyadamuu seeraan ala fayyadamuutiin qorannoo irratti taasisaa ture xumuruu ibsee ture. Miseensonni mana maree tokko tokko immoo Geet mana maree keessatti suurota qullaa shamarranii agarsiisan wayi saalquunaamtii raawwatu bilbila harkaa isaarraa namootaatti agarsiisaa turuu isaa ibsaniiru.
Forum