Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obaamaan Yaa'ii Biyyoolessaa Dimookiraatootaa Irratti Galgala Kana Haasaha Gochuuf Jiru


FAAYILII - Pireezdaantii Yunaaytid Isteets Duraanii, Baaraak Obaamaa, Fulbaana 6, 2012.
FAAYILII - Pireezdaantii Yunaaytid Isteets Duraanii, Baaraak Obaamaa, Fulbaana 6, 2012.

Pirezidaantiin Yunaaytid Isteets Duraanii Baaraak Obaamaa fi Abbaan Warra Itti Aantuu Pirezdaantii Yunaaytid Isteets, Kaamila Hariis, Daag Emhoof Kibxata harraa galgala Yaa’ii Biyyoolessaa Paartii Dimookiraatii guyyaa 2ffaa qabate irratti haasaha godhuuf jiru. Kunis xiyyeeffannoo yaa’ichaa gara itti aantuu pirezidaantii Kaamila Hariis fi kaadhimaa Rippabilikaanii, Doonaald Tiraamp, akka deebi’u godha.

Itti Aantuu Pirezdaantii Yunaaytid Isteets, Kaamila Hariis, fi Abbaa Warraa Isaanii Daag Emhoof, Hagayya 6, 2024.
Itti Aantuu Pirezdaantii Yunaaytid Isteets, Kaamila Hariis, fi Abbaa Warraa Isaanii Daag Emhoof, Hagayya 6, 2024.

Filannoon biyyoolessaa geggeeffamuuf yeroo guyyoonni 76 hafan kanatti duulla filannoo pirezidaantummaati sagantaa baniinisa kaleessa Dimookiraatonni geggeessan irratti pirezidaantii amma aangoo irra jiranii fi Hariis akka dorgomtu dorgommii keessa kan hafan Pireezdaant Joo Baayideniif simannaa gootaa godhameera.

Forum

XS
SM
MD
LG