FINFINNEE —
Miseensi Shanee Gumii, Gumii Sabaa ABO, obbo Abdii Raggaasaa Mana murtii walii galaa Oromiyaa dhaddaacha yakkaatti har'a dhiyaataniiru. Dhaddachi har'a kan ragaan ittisaa itti dhaggahamuu ture.
Garuu, akka abukaatoon obbo Abdii dubbataniitti namoonni ragaa ittisaattif obbo Abdiin lakkawataan sababaa adda addaattin dhaddachicha irratti hin argamne.