Hogganoota sadarkaa olaana paartii Kongreesa Federaala Oromoo (KFO) keessaa tokko kan ta’anii fi yeroo ammaa mana hidhaa Qiliinxoo keessa kan jiran Obbo Baqqalaa Garbaa dhukkubsachuu isaanii gidduu kana dhaga’amaa jira. Intalli isaanii Shamarree Boontuu Baqqalaa Garbaa akka jettutti sambata darbee kaasee dhiibbaan dhiiga isaanii ol ka’uu isaan abbaan ishee dhukkubsataa akka jiran ibsitee jirti.
Yeroo torban tokko ta’uuf wal’ansaaf akka ergaman obbo Baqqalaan gaafatan iyyuu manni hidhaa garuu didee qoricha duraan guyyaatti yeroo tokko fudhataa ture yeroo lama fudhu ittiin jedhan jetti. Akka durii dhaabatee nu hin haasofsisuu kan jettu Bontuun morma na dhukkubaa mataa na bowwaafataa ija koo na qaba jechuun nutti himeera jetti.
Obbo Baqalaa nama fayya buleessa manaa qabanii to’annaa jala eega olchanii booda dhukkubaan rakkachuu jalqaban jetti Boontuun.