Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obombooleettiin Filooriidaa Rukkute Balaa Dhaqqabsiise


Hojjataa qarqaarsaa gamoo jireenyaa galoon keessa yaa'e biratti, Kiliirwatar, Flooridaa, Onk. 10, 2024.
Hojjataa qarqaarsaa gamoo jireenyaa galoon keessa yaa'e biratti, Kiliirwatar, Flooridaa, Onk. 10, 2024.

Obombooleettiin Hariikeen kan Maqaa Miltan itti mogga’e Roobii Kaleessaa Kutaa Filooriidaa rukkute balaa dhaqqabsiiseera. Kutaan Kibba baha Yuunaayitid Isteetisi kun torbaan lama keessatti yeroo alammaffaaf obombooleettii Hariikeen cimaan kan rukkutame.

Obombooleettiin Hariikeen Miltaan jedhamu kan rooba cimaa makate Roobii kaleessaa galgala Filooriidaa naanoo magaalaa Sarasotaa fi bakkeewwan birootti balaa dhaqqabsiiseera. Obombooleettiin Sa’atii tokko keessatti saffisa Kiloomeetira 205 deema jedhame kun baaxiiwwan manneen jirenyaa diiguun fudhatee deemeera. Obomboleettiin Roobaan makatee balaa dhaqqabsiise kun magaaloota kanneen teessuma lafaa gara gadii jiran kanneen akka Tampaa, qulqulluu Piteerbarg, Sarasootaa fi Forti Maayeersi bishaaniin liqqimfamaniiru.

Akka Angawoonni beeksiisanitti balaa Hariikeen kanaan hawwaasa naannoo magaalaa Foort Piirsi akka malee rukkutumana dabalatee namoonni baay’een kan du’aniiru. Manneen Jireenyaa 100 ol balaa kanaan diigamuus angawoonni naannoo beeksisaniiru.

Obomboleettiin Hariikeen kun kan ka’umsi isaa galaata Atilaantiki irrraa ta’e yoo xiqqaate jiraattoonni miiliyoona lama ta’an Aannisa humna Elektirikaan ala ta’uun dhaamaatti jiraachuus angawoonni ibsaniiru.

Forum

XS
SM
MD
LG