Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisiin Oromiyaa har'a Yaaballotti Hosteelii fi Mana Barusma Sadarkaa lammeessotti nama dhaante aara itti gadi dhiifte nama hedduu miite


Hiriira mormii Yaaballoo bara 2016
Hiriira mormii Yaaballoo bara 2016

Barattootii 'Tokkummaa Barattoota Oromiyaatii' dhufan Booranatti warra lola daangaatiin madaa'e gargaaraa horiillee walti guuraniif
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:27 0:00

Ulee fi dhaanicha kana diirma mana barumsa sadarkaa lammeessoo Yaaballootii jalqaanii eegee ammoo Hosteelii Booranaatti dabaranii achillee ijoollee baasan jedha warrii oduu tana VOA-tti hime.

Ijoollee maqaa ‘Tokkummaa Barattoota Oromoo’ jalatti wal jaaranii yuniverstii akka akkaa irraa dhufanii rakkoo daangaa Booranaa irratti mari'atanii achitti walti qabamte jedhan ganamaan itti cabsan.

“Nu Tokkummaa Barattoota Oromoo jalatti ijoollee Oromoo Gujii,Wallggaa,Arsii ijoollee Booranaa fi nama Oromoo hedduu taanee nama keennaa gargaaraa baane.Daangaa irratti wal hadhan dhandhee laallee, madaaoolee madaa dhiqaa du’aa awwaalachaa birrii kuma 200 caalaa alti guurreef,” jedha barataan maqaa himachuu hin fedhin tokko.

"Hardahllee akka jarii jedhutti gaafiin isaanii gugurdoon akka daangaan Booranaa kabajamtu,waraanii Sooddatti nama fixe seeraan gaafatamu,akka bulchiinsii dansaan onnee qabu jiraatuu fi rakkoo hedduu himanne,” jedha.

Namii daangaa irra taa’ee nagaa biyyaa eeguutti jiru akka jarii dubbifne jedhetti nyaataa dhugaatii,mi’a waraanaa dansaallee hin qabu.

”Tana irratti Liyuu poolsii guyyuma guyyaan nama loluutti jiraa bulchiinsii dhaqee jireennaa jara kana laaluutti hin jiru,” jedhan.

Akka warrii Yaaballoo dubbifne jedhetti ijoolleen Tokkummaa Barattoota Oromoo keessaa dhufte rakkoo mataa-waraanaatti argite abbootii gadaa, jaarrolee lafaatii fi nama hedduutti himte.

Ulee fi dhaanicha hardhaa poolsiin Oromiyaa nama dhaante jedhan tanatti nama nama hedduutti miidhame.

Tokko intala dubraa Elemaa Waariyoo jedhan jilba lamaanti miidhame,gurbaa kutaa sagalii Caalaa Garboolee ilkaanitti caaccabe.

'Boruu ganama kora-bittineessan (poolisin Oormiyaa) mana barausma sadakraa lammeessoo keessatti nurrati buusanii mana barusma yaaballotii dhaananii irreen nu baasan.Silaa achi teennee ummat keenna gargaarra.”

Kana maleellee nama saddeetitti nama hidhaa poolisii godina Yaaballoo jira. “Eennu akka tahanii fi maqaa isaaniillee isanti hin himnu nuu jedhan,”jedha namii Yaaballoo dubbifne.

Aabba Moluu Diimaa,itti gaafatamaa hospitaala Yaaballooti.“Nama afuritti hospitaal keenna dhufee.Nama afran keessaa namii lama lafa dhahee ka luluqqa’e.Intaltii dubraa tokko jilbii waan akka karaa gubbatti jiddee fakkaattii. Tokko ammoo gurbaan ilkaanii dhahamee chochani jira.Tokkko waardiyaa hospteelli jedhaa. Madaa ulee qaba.Maduma salphaa yaalamanii galan.”

Wal daangaa Oromiyaatii fi naannoo Somaalee gama Booranaa irratti nama hedduutti miidhame ijoolleen tun jarallee dhandhee laallee rakkoo isaaniillee biyyatti himnee akkuma durii gargaarra jedhan.

Wal dhaba kanaan ji'a 3-4 keessatti nama 173 gama Booranaatii madaa'e.

Bulchiinsa mootummaa naannoo rakkoo ijoolleen himatte irratti gaafachuuf jennee hin arganne.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG