Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manaa Gad ba’uunis Tahe Mana keessa Taa’uun Rakkoo Ta’e, Falli Maali?


Faayilii - Humna nagaha eegumsa Itoophiyaa, Finfinnee
Faayilii - Humna nagaha eegumsa Itoophiyaa, Finfinnee

Godiina addaa Oromiyaa Kan naannoo Finfinnee keessatti magaalaa Holataas ta’e aanaa Walmaraa keessatti hidhaa reebichaa fi dararaan hammaate jedhu jiraattonni. Mana keessa yoo oollee cabsanii seenuun nu tumu manaa yoo baanee daandii irraa butanii eessa butee keenya dhabsisu, maal akka nuuf wayyu hin beeknu jedhu jiraattonni. Dallaa mana namaa seenanii maallaqaa fi warqee akkasumas qabeenya adda addaa saamuun aanaa Walmaraa keeessatti baratamaa dhufeera jedhu. Namni nama hidhame iyyaafachuu deemus qabamee itti dabalama waan ta’eef rakkoo jabaatu nu qabe jedhu.

Gama kaaniin immoo bulchaan ganda Gafarsaa Nonnoo nama shakkamee sakata’uu labsii yeroo hatattamaatu ehama, garuu nageenya uummataa naannoo eeguuf kun godhama, jedhu. Kun ta’us, namni manni isaa sakata’ame hin jiru jedhu. Humnootiin nageenyaa bobba’an qabeenyaa saamu, jechuun kan jiraattonni dubbatanis dhara jedhan. Kan jalaa saamame jiraannaan bulchiinsa jirutti iyyachuu danda’aa jedhan.

Gaaffii fi deebii guutuu kana cuqaasuun dhaggeefadhaa

XS
SM
MD
LG