Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Bakka Tokko Tokkotti Ajajni Mana-murtii Hin Kabajamu, Jedha Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa 


Oromiyaa bakka tokko tokkotti ajajni mana murtii akka kabajamuu fi olaantummaan seeraa akka mirkanaa’uuf qaamolee dhimmi ilaallatuuf irra deddeebiin waamicha dhiheessus deebii quubsaa hin arganne, jechuudhaan Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa ibsa baasee jira.

Dhiittaan mirga namoomaa lammiilee irratti akka hin jabaanneef xiyyeeffannoon itti kennamuu fi sirreeffamuu qaba, jedha – Koomishinichi. Ibsa kaleeessa baaseen kan kana dubbate Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa.

Namoonni manni murtii aanaa magaalaa Jimmaa tibbana akka hiikamaniif murteessee ture, Mahhamad Deeksisoofaa hanga yoonaa akka hin hiikamiin eeree jira. Gama biraan eega ibsi Koomishinichaa bahe booda kanneen Jimmatti hidhaman sana keessaa Daayrektarri kominikeeshiini Yunivarsiitii Jimmaa, Dr.Wandimuu Laggasa, eega akka hiikaman manni-murtii murteessee guyyaa afuraffaatti har’a gad-lakkisamuu Abukaatoon isaanii beeksisanii jiru.

Oromiyaa Bakka Tokko Tokkotti Ajajni Mana-murtii Hin Kabajamu, Jedha Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:10 0:00


XS
SM
MD
LG