Xurree ittiin seenan

Breaking News

Dhiyoo tana Oromoo hedduu Jibuutii baasuutti jiran 2,000 oli Harargee Dhiyaa, Asabootii fi Mi'eessoo qubsiisan


吉布提地理位置图
吉布提地理位置图

Oromoo 2,000 olitti Jibuutii baqate Harargee Dhiyaatti qubsiisan
please wait

No media source currently available

0:00 0:05:44 0:00

Guyyaa sadii asitti Oromoo kuma hedduutti akka bulchiinsii godina Harargee Dhiyaa jedhetti baqatee Jibuutti bahuutti jira.

Akka bulchaan Harargee Dhiyaa obboo obbo Teklee Dheeressaa jedhetti ummatii Oromoo Jibuutti godaansisuutti jiran kun Harargee Dhiyaa,Harargee Bahaatii fi Dirree Dhawaatti qubsiisan.

Guyyaa sadii asitti Oromoo 2,003ti Harargee Dhiyaa aanaa Asabootii fi Mi’eessootti qubsiisan.

Jarii kun qaraa haga Dirree Dhawaa dhufee eegee achii guuranii Harargee Dhiyaa qubsiisan.

Namii achii baqatee dhufe kun akka obboo Tekleen jedhetti hagii guddaan dhalootalleen nama Asabootii fi Mi’eessoo.

Warrii baqatee dhufe kun “martuu Oromoo”,jedha obboo Tekleen hagii guddaan ijoollee kahimaati.

"Dhiibanii ari’atan” makiinaa sadiitti fa’ani dhufaniin. “ Uffata harkatti hin qaban saamamnee waan qabnu nu harkaa fudhatan,” jedhan.

Akka bulchiinsii Haragee Dhiyaa jedhutti warrii achi baasan kun cuftii ka ganna lama caalaa jireenna wayyaahaa barbaada Jibuutti taa’aa bahe.

Jibuutti Oromoo kuma hedduutti keessa qubata. Mootummaan Itoophiyaalleen dhiyoo tana nama 200 caalu fa’ee achii galche.

“Kanneen hafan caalaa dhiibbaan akka hin geenne hooggansii keenna achi deemee dhimmi kana irratti bulchiinsa Jabuutitin mari’ahuuf achi jira.”

Oromoo Jibuutii human godaansisan jedhan tana bulchiinsii Harargee Dhiyaa akka bulchaan godinaa obboo Tekleen ejdhutti “Cirootti simanne achii gara aanaa dhaloota isaanii geessine, daraggoon qeerroon yaahee deeggarsa godheef.”

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG