Walitti-deebisa dhiheenya Paakistaanii fi Yunaayitid Isteetis gidduutti deemaa jiruun, Paakistaan, har’a, imala dippiloomaatotaa Yunaayitid Isteetis gara biyya isheetti godhamutti daangaa ifatti hin himamiin labsitee, akkasumas, kan walii-galtee yeroo duula farra shororkeessummaa ehamtee turte – tarkaanfiilee ergamoonni Yunaayitid Isteets biyya ishee keessatti geggeessanis akka dhaabdu beeksistee jirti.
Dippiloomaatonni Paakistaan, Yunaayitid Isteets keessa kiiloo-meetira afurtama caalaa fagaatanii deemuu yoo fedhan, guyyaa shan dursanii ehama gaafachuu qaban – jechuudhaan eega Mootummaan Yunaayitid Isteetis beeksisee booda Paakistaan tarkaanfii kana fudhatte.
Ministirii Dhimma-alaa Paakistaan irraa xalayaan gara Embaasii Yunaayitid Isteets, magalaa Islaamaabaad jiruutti ergames, akkuma Yunaayitid Isteets, Paakistaanis “ehama imalaa gaafachuu” akka biyya ishee keessatti labsitu du