Paul bara 1994 gochii Riwaandaa lamaan Hutuu fi Tutsiin hadhanii nama kuma dhibba hedduu wal irraa fixan sun hoteelii ufiitti gosa Tutsi dhibba hedduu baqachiisee nama hedduu lubbuu baasee jedhanii addunyaan badhaasaa baate.
Namii kun gosaan Hutuu hujii ilmee namaatiif hojjateen Medaaliyaa Walabummaa Pirezidaantummaa U.S bara 2005 kennaniif.
Amma ammoo biyya nagaa dhowwuu ykn gooli uumuu,qabanii nama dhabamsiisuu,gubaatii manneenii,ilmee namaa daarii Riwaandaatti gurgurachuu fi waan hedduun himatan akka oduu Biiroo Qorannoo Federalaakaa Riwaandaatti.
[[embed tweet: https://twitter.com/RIB_Rw/status/1300350300377710594?s=20 ]] Namii kun waraana mootummaa Riwaandaatiin falmu biyya DRC keessatti jaaree qabsaahaa bahe.Mootummaan Riwaandaa akka nama itti qabate diidessee hin dubbanne.