Wal ga’iin namoota siyaasaa yeroo dheeraa wal morkachaa turan kun Roobii kaleessaa Waayit Haawuus keessati turtii sa’aatii Lamaak an fudhate yommuu ta’u Tiraampii fi Baayideen ji’a Amajjii dhufu kanatti aangoo yommuu walitti dabarsaan karaa nagaa akka ta’u irratti dubbataniiru. Dubbii himtuun Waayit Haawuus Kaariin ZHiin Piyiree oduu gabaastootaaf ibsa kenniteen wal ga’iin isaanii bu’aa qabeessa ture jettee lamaan isaaniiyyu dhimmoota nageenya biyyaaleessaa, imaammatoota biyya keessaa fi addunyaa barbaachisoo uummata mudatan irratti marii’achuus eerteetti.
Akkuma aadaa siyaasaa Yuunaayitid Isteetisi keessatti baratameen pireezidaanti Joo Baayideen Amajji 20 dhufutti aangoo karaa nagaa waliif dabarsuu irratti akka dubattaniif Tiraampi kan filannoo injifate gara Waayiti Haawuusitti kan aaffeere yommuu ta’u , Tiraampi erga bara 2021 ji’a Amajjii keessa yeroon aangoo isaa xumurameen booda yeroo jalqabaaf Roobii kaleessaa Waayit Haawuusitti kan argame.
Baayideen cee’umsichi karaa nagaa qabeessa akka ta’un hawwii qaba jedhee muraasa isaanii irrattis har’a dubbanna jechuun dubbatte. Tiraampis gama isaan baay’een si galateeffadha jedhee “siyaasni cimaadhaa fi dhimmoota baay’eetiin addunyaa baay’ee gaadii miti. Har’a Addunyaa gaariidha, cee’umsicha karaa nagaan deemsiisuutti baay’een dinqisiifadha, karaa nagaas ta’a yeroo isaatti, kanaafis Joo hedduun si dinqisiifadha, galatoomi . jedhe.
Yommuu Tiraampi mooraa Waayit Haawuusiin seenee Baayidaniin simatamu haati warra Baayideen Jiil abbaa warraa ishee waliin Tiraampiin kan harka fuute ergaa barreeffamaa baga gammaddee haadha warraa Tiraampi Melaaniyaaf erguun gareen ishee Waayit Haawus yeroo wal hakaa fudhiinsa aangootti gargaruuf fedhii akka qabanis eerteetti.
Rogeessi Iraan Tokko Namoonni Ilaalcha Siyaasaa Isaaniin Hidhaman Akka Hiikaman Erga Gaafateen Booda of Ajjeese
Falmitoonni mirgaa Kamisa har’aa Rogeessa Iraan kan of ajjeese kanaaf beekamtii kan kennan yommuu ta’u innis namoonni siyaasaa Afur kanneen hidhaa jiran yoo hin gadhiifamne akka of ajjeesu akeekkachiisa erga kenneen booda kan of ajjeese.
Kinuush Sanjarii hooggantoota Rippaabilika Islaamik kan ta’e Roobii kaleessaa fuula miidiyaa hawwaasaa “X” irratti barreeffama maxxanseen namoonni siyaasaa Afur dhiira lamaa fi dubartoonni lama kanneen hidhaa keessa jiran yoo hin gadhiifamne akka of ajjeesu akeekkachiisa kennee ture. Kamisa har’aas kanneen mirgaaf falmanii fi dhaabbileen hedduun of ajjeesuu isaa mirkaneessaniiru . Duuti isaa kan mirkanaa’e maatii fi firoottan isaa Iraan keessa jiran miidiyaa hawwaasaa irratti maxxansaniinidha.
Snjariin falmitoonni mirgaa Faxumaah Sepperii , Nasiriin Shakaramii haati dargaggeessa bara 2022 hiriira mormii ture irraatti ilmi ishee ajjeefamee akkasumas Tomaaj Saleehii fi rogeessi mirga siivilootaa Arshama Rizaayi akka hidhaarraa gadhiifaman jechuun Roobii kaleessaa barreeffama maxxanseen manni murtii fuula marsariitii isaa irratti jarri kun gadhiifamuu isaanii hanga guyyaa keessaa sa’atii Torbaatti yoo hin maxxansine mormiin abbaa Irree Ayaatolaah Aliif qabu mul’isuuf jecha lubbuu koon balleessa , namni kamiyyuu yaada isaa ibsateef hidhamuu hin qabu , mormuun lammii Iraan kamiifiyyuu mirga. Jireenyi koo barreeffama Kanaan booda xumurama , garuu akka duunu dagachuu hin qabanu, kan du’uu qabnus lubbuu jaallanuufidha, kun du’a mitis jedheera.
Sanjariin bara 2015 tti haadha isaa duloomteettuu gargaaruuf jecha Yuunaayitid Isteetisitti Sagalee Ameerikaaf hojjechaa osoo jiruu gara Iraanitti kan deebi’ee fi ergasiis yeroo hedduu akka hidhamaa ture Rogeeyyiin hima jiru.
Forum