Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezidaantiin Somaalilaand Filannoo Injifatamuu isaanii Amanuun Aangoo Nagaan Dabarsuuf Waadaa Seenan


Pireezidaantiin Somaalilaand, Musee Bihii Abdii, Hargeessaa, Sadaasa 13, 2024.
Pireezidaantiin Somaalilaand, Musee Bihii Abdii, Hargeessaa, Sadaasa 13, 2024.

Musee Bihii Abdii masaraa preezdaantii magaalaa Hargeessaatti haasawa taasisaniin, kan paartii Waddani irraa filannoo torbee darbee injifatan Abdirahmaan Mohaammad Abdullaahii Irrootiin baga gammaddan ittiin jedhan. Bihiin ba’ii filannoo kabajuuf waadaa galuu isaanii ibsuu dhaan, waadaa seenan irraa boodatti akka hin jenne dubbataniiru.

Bihiin akka jedhanitti kanaaf, akka paartii Kulmiyeettis ta’e warra anaaf sagalee kennaniitti, martinuu waadaa keenya kabajnee ba’ii filannoo simachuun dirqama keenya. Filannoo labsame kan paartiin Waddanii injifate akka fudhannu ibsuun fedha. Sun ka sirnaa fi hojii kabajamaa dha. Yeroo itti falminuu fi jeeqama keessaa uumnu miti jedhan. Abdirahman Irroo Muddee 13 marsaa shan tajaajiluuf Hargeessaa keessatti hirbuu seenuuf jiru.

Abdirahaamaan Irroo Roobii har’aa fuula ‘X” irratti dhuga ba’iinsa dursee waraabamee maxxansameen, akka heera Somaaliilaanditti itti gaafatama isaanii ba’uu isaaniif prezidaantii aangoo gad dhiisaa jiraniin baga gammaddan ittiin jedhaniiru. Carraa kanaan kabajaa keenya kan ol kaasu filannoo barbaachisaa kana kan geggeessan prezidaantii Ripaablikii Somaaliilaanii fi mootummaa isaanii nan galateeffadha. Filannoo kana geggeessuuf cimina inni agarsiiseef komiishina filannoos galateeffachuun barbaada jedhan Abdirahmaan.

Abdirahmaan Irroo mirgi uummata Somaaliilaand eegamuu isaa akka mirkaneessan dubatanii, ilaalcha isaanii siyaasaa fi dhuunfaaf miidhaan osoo irra hin gain alaabaa keenya jaatti qixxeetti ilaalamu jechuun waadaa seenaniiru. Komiishinni filannoo Somaaliilaand Kibxata darbe akka beeksisetti Irroon sagalee dhbba irraa harka 63.92 yoo argatan Bihiin sagalee 34.81 argataniiru.

Ministriin dhimma alaa Itiyoopiyaa ibsa gabaabaa kenneen kan filataman prezidaant Abdirahamaan Irroon baga gammaddan jedhee jira. Prezidaantichi filatamanii fi prezidaant Musee Bihii Abdii fakkeenyummaa mootummaa dimokraatawaa agarsiisaniif Itiyoopiyaan ni galateeffatti jechuun ibsi sun eree jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG