Fuula miidiyaa hawwaasaa 'X' irratti barreeffama Dilbata kaleessaa maxxanseen waldhabdee biyyoota Gaanfa Afirkaa lamaan Itiyoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu turetti xumura taasisuuf walii galtee Ankaraa gaafa mudde 11 darbe Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Abiyyi Ahimadii fi Pireezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheeyik Mohaammud mallatteessan eeruun waggaa haaraa dhufu bara 2025 ji’oota jalqabaa lamaan irratti biyyoota lamaan akka daawwachuuf jiru Resseep Taayib Erdoogaan ibseeraa.
Biyyoonni lamaanuu waldhabdee isaan gidduu ture kan waggaaf deemutti xumura taasiisuuf marii sa’aatiiwwaniif ture kan gidduu seentummaa Erdoogaaniin taasifameen walitti dhufuu danda’an seenaa qabeessa jedhaniiru. Jalqaba waggaa kanaatti ji’a Amajjiitti biyyi hulaa galaanaa hin qabne Itiyoophiyaan ,Somaalee laandi naannoo adda baate waliin buufata hulaa galaanaa fi buufata waraanaa kan ishee fayyadchiisu mallatteessuu hordofee Somaaliyaan abbaa biyyummaa kootu sarbame jechuun akka Addunyaatti Gaanfa Afiriikaa keessatti jeequmsa haaraa kaasuu mala jedhameraaf ture.
Waldhabdee biyyoota lamaanii gara nagaatti deebisuuf Tarkiin ji’a Adooleessaarraa kaasuun yeroo sadiif kan gidduu seentummaan keessummeessite Yeroo lama Ankaraa keessatti yeroo tokkommoo Niwuuyoork keessatti taasifameeru walii galteerra ga’amuu hordofee Gamtaa Afiriikaa , waashingitanii fi Biraasilsi irraa simatamummaa argateera.
Gidduu seentummaa dippiloomaasiin biyyoota lamaan walitti fiduun fiixaan kan ba’e Erdoogaan jimaata darbes hoogganaa humna waraanaa Sudaan Abdeel Fattaah Al-Burhaan waliin haasaa bilbilaan taasiisuu kan hime waajjirri isaa waldhabdee Sudaanii fi Yuunaayitid Arab Emmireetis gidduu jiru akka furamuuf gidduu seenuuf affeerraa taasiiseeraaf.
Wal waraansa Sudaan keessatti ji’a Eebilaa bara 2023 tti humna waraanaa Sudaan kan Abdel Fattaah Al-Burhaaniin hoogganamuu fi itti aanaa isaa kan ture hoogganaa humna addaa isa RSF jedhamu Mohaammad Hamdaan Dagaloo gidduutti ka’ee gagga’ama hedduu dhaqqabsiiseeruuf Humni waraanaa Sudaan garee warra RSF’n Yuunaayitid Arab Emmireetisitu gargaara jechuun yommuu himatu, gama Yuunaatid Arab Emmireetisiinimmoo gochaa kana keessaa hin qabu jechuun irra deddeebbiin haalti.
Forum