Dilbata darbe jiraattota hiriira deeggarsaa Beenishaangul Aanaa Toongootti bahan irratti Poolisiin Naannoo Beenishaangul dhukaasee lubbuun namoota lamaa darbuu jiraattonni himan. Dhukaasa Kanaan namootni miidhaan irra gahe hospitaala Begiitti yaala ka argataa jiran yoo tahu, waaajjirri Dhimma Aanaa Begiis namootni 1500 dhukaasa kana sodaa gara Begiitti akka baqatanii jiran himeera.
Gama birootiin Magaala Beenishaangul Guddoo Asoosaa keessatti dhukaasi cimaa fi Saamichi dhalattoota naannoo birootii dhaqanii achitti jiraatan irra qaqqabaa jiraachuu jiraataan magalatti tokko himaniiruu,
Galmoo Daawit dabalata qaba.