Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Gumii Mirga Namaa Dhimma Itiyoopiyaa Komiishina Qoratu Hundeessan


FAAYILII - Namoota sababa waraanatiin qehee irraa buqahan, naannoo Amaaraa
FAAYILII - Namoota sababa waraanatiin qehee irraa buqahan, naannoo Amaaraa

Prezidaantiin gumii mirga namaa Ambaasaadder Federiikoo Vilegaas lammiin Gaambiyaa Faatuu Bensuudaa, lammiin keeniyaa Kaarii Beetii Murungii fi lammiin Ameerikaa Steven Ratner miseensa komiishina mirga namooma sadarkaa addunyaa sadan ka dhimma Itiyoophiyaa ta’anii akka tajaajilaniif muuduu isaanii beeksisaniiru. Ms Bensooudaan komiishina nama sadii qabu kanaaf dura teessuu ta’uu dhaan tajajilu.

Murtii isaa Muddee 17 bara 2021 kan S-33/ muraa 1 ba’een wal ga’ii isaa addaa geggeessameen gumiin mirga namaa sun, kan prezidaantii gumii mirga namaan muudamu komiishina mirga namaa sadarkaa addunyaa hundeessuuf akkumas himanaa hookkaraa fi dararaa miga namaa, seera namoomaa fi baqattootaa Itiyoophiyaa keessatti erga sadaasa 3 bara 2020 qabee qaamotii walitti bu’iinsa sana keessatti hirmaatan maraan raawwatame ilaalchisee qorannaa walabaa akka geggeessuuf murteesse.

Komiishinichi namoota sadii of keessaa qabu sun, dhittaawwan mirga namaa raawwataman ilaalchisee dhugaa jiruuf haalawwan jiran qulqulleessuu dhaan ragaalee walitti qabee ol kaa’ee, kanneen itti gaafataman adda baasuu fi hanga danda’ametti ragaalee akkasii argamuu akka danda’anii fi hojii irra akka oolan akka taasisu gaafatameera.

Murtii dhuma kana jalatti miseensota 47 qaamni qabu, komiishinichi, gabaasaalee waajjira komishinera mirga namaa ol aanaa fi kan komiishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa cimsuuf jecha, itti gaafatamummaaf, araarrii akka jiraatu deggeruuf mootummaa Itiyoophiyaaf deggersa teekinikaa ilaalchisee yaada gorsaa akka dhiyeessu ajajee jira.

Komiishineroonni kun marii 50ffaa kan baatii Waxabajjii fi Adoolessa bara 2022 geggeessamu irratti ibsa akka kennan, marii 51ffaa kan baatii Fulbaanaa fi Onkoloolessa waggaa kanaa irratti immoo gabaasa barreeffamaa akka dhiyeessan gaafatamaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa garuu kana dura komiishinicha hundeeffama jedhama kana ilaalchisee mormii dhiyeessuu dhaan walii galtee kan hin agarsiisne ta’uu ibsuun ishee ni yaadatama.

XS
SM
MD
LG