Ka “Mid-term Election” yokaan Filannoo Walakkessa-Marroo jedhamu irratti, Rippaablikaanonni Mana-maree Bakka-bu’ootaa fi Mana-mareee Murtii-seeeraa keessatti ol’aantummaa argachuu malu” jedhame iyyuu, Keetering Yuunivarsitii keessaa ka barsiisan Dr. Izqeel Gabbisaa garuu, “hanga Roobii turban dhufuu, ba’iin filannoo qulqullaa’ee beekamutti wanni beekamu hin jiru” jedhu.
Rippaablikaanonni yoo filannoo kanaan Manneen-maree lameen irratti ol’aantummaa argatan, imaammtoota Prezidaant Obaamaan oofaa jiran danqaan guddaan mudachuu mala, ka jedhamu akka nuuf ibsan gaafatamanii ennaa deebisan, “Rippaablikaanonni imaammata Obaamaa irratti mormii fi olola jibbinsaa hedduu oofaa turan. Amma Manneen-maree lameen irratti ol’aantummaa argannaan imaammatoota Prezidaantichaa murtiif isaanitti dhihaatu danqanii kaa’uu malan. Filannoo marsaa itti-aanu waggaa lamaa booda dhufu irratti illee akka inni hin injifanne dhiibbaa guddaa gochuu malan,” jedhu, Dr. Izqeel Gabbisaa.
Akka Dr. Izqeel jedhanitti, akka heera Yunaayitid Isteetsitti aangoon Mootummaa damee sadiitti qoodamee akka dameen sadeenuu wl-to’atan taasisamee jira. Damee Mana-maree Bakka-bu’ootaa, Damee Mana-maree Murtii-seeraa fi Damee Hoji-geggeessituu Ol’aanaa jechuu ka Prezidaantii fi Kaabinee isaa gidduutti aangoon Mootummaa qoodamuun akka tokko aangoo mara dhuunfatee to’annaa tokko malee hin deemne taasisa.
“Mootummoota Afrikaa hedduu keessa maqaaf qaamonni Mootummaa sadeen jiraatan iyyuu waan seeraa keessatti tumame sana hojii irra oolchuu irratti rakkoo guddaa tu jira. Biyyoota Afrikaa hedduu keessatti hoogganoonni biyyaa marsaa lama caalaa filatamuu hin dana’an jedhame iyyuu tokkoo taayitaa qabannaan hanga marsaa afur shanii turu. Kaan immoo gonkumaa iyyuu aangoo gadi hin lakkisan. Gama biraatiin immoo hoogganaa biyyaa uummataan filatame qawween taayitaa irraa buusuun illee ni jira. Dimookiraasummaa akka biyyoota Addunyaa Dhihaa shakaluuf si’achi yeroo dheeraa fudhata” jedhu, Dr. Izqeel.
Rippaablikaanonni filannoo walakkeessa-marroo ka Yunaayitid Isteets kana injifachuu hin oolan, maaliif akka jedhame gaafatamanii “Uummatni waa’ee kufiinsa dinagdee, keessumaa waa’ee hojiin dhabamuu irratti yaaddoo guddaa qaba. Waraansi Ameerikaan biyyyoota alaa akka Afgaansitaanii fi Iraaq faa keeessatti geggeessitu xumuramuu dhabuu fi sababaa waraansa sanaaf maallaqa guddaa bahu irratti illee mufannaa qaba. Rippaablikaanonni Mootummaan Dimookiraatotaan geggeessamu fooyyaa’ina fiduu hin dandeenye, jechuun uummata duraanuu soda keesssa jiru daran sodaachisu. Waan filannoo dura odeessamaa jiru irra-jireessi kana irraa ka madde.” Jedhan.
Guutuu gaaffii fi deebii kanaa fuuula kana irraa MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.