WAASHINGITAN, DIISII —
Prezidaantiin Naayjeriyaa Mahmaduu Buhaarii har’a as Waashingtan keessatti prezidaant Traamp waliin wal arganii jiru.
Hogganoonni lameen sodaa shoroorkeessummaan uumee fi uummata miliyoona 200 kan qabdu Naayjeriyaan guddina dinagdee qabdu irratti fulleeffachuun dubbatan.
Naayjeriyaan garee leelistoota Boko Haaraamin rakkataa kan jirtu yoo ta’u waggaa 9 dura duula lootee seentummaa labsuun gara garee lslaamik Isteetes ti jijjiramuuf jira.
Uummanni kuma kurna hedduun Naayjeriyaa keessatti ajjefamanii shamarran dhibba hedduun butamanii fudhataman.Gareen kun Afrikaa dhiyaa fi biyyoota kutaa saahil keessatti sodaa uumee jira.