Xurree ittiin seenan

Breaking News

Puutiin Hoggantoota Addunyaa Gama Kibbaa Keessummeessan


Prezidaantii Chaayinaa Xi Jinpiing, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, fi Muummicha Ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodii, Raashiyaa, Onk. 23, 2024.
Prezidaantii Chaayinaa Xi Jinpiing, Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin, fi Muummicha Ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodii, Raashiyaa, Onk. 23, 2024.

Pirezidaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin Roobii har’aa walgahii biyyoota dinagdee guddachaa jiran BRICS irratti prezidaantii Chaayinaa Xi Jinpiing, muummicha ministeeraa Hindii Naareendiraa Moodii fi hoggantoota addunyaa biroo argaman keessummeessaa jiru.

Kunis qaama tattaaffii Kremlin dhiibbaa addunyaa warreen dhihaa mormuuf taasisaa jiranii dha. Walgahiin guyyoota sadiif magaalaa Kaazaan keessatti geggeessamuu fi biyyoonni 36 irratti hirmaatan kun, gocha Yukireen keessatti raawwatte irratti Raashiyaa moggaatti qooduuf tattaaffiin Yunaayitid Isteetisiin durfamu fashalaa’uu agarsiisa jedhameera.

Kremlin walgahii kana taatee imaammata alaa guddicha hanga ammaatti Raashiyaa dhaan gaggeeffame isa guddicha jechuun ibseera. Gamtaan jalqabaa Biraazil, Raashiyaa, Hindii, Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa of keessatti hammate kun babal’atee Iraan, Masrii, Itiyoophiyaa, Tokkummaa Emireetota Arabaa fi Sa’uudii Arabiyaa ofitti haammateera. Turkiii, Azarbaajaan fi Maaleeziyaan miseensa ta’uuf iyyata sirnaan kan dhiyeessan yoo ta’u, kanneen biroo hedduun immoo itti makamuuf fedhii qabaahuu isaanii ibsaniiru.

Puutiin jalqaba walgahii BRICS Roobii har’aa gaggeeffame irratti haasawa taasisaniin, tumsi damee faayinaansii akkaan cimuu isaa akka qaama ajandaa ofiitti beeksisasaniiru. Hirmaattonni dhimmootii sadarkaa addunyaa waldhibdee naannoo furuu dabalatee babal’ina garee biyyoota BRICS mari’achuuf jiru jedhan.

Tarsiimoon BRICS waltajjii addunyaa irratti qabu, qaama hawaasa sadarkaa addunyaa jechuunis tattaaffii addunyaa irra jireessaa jedhamee waamamu waliin wal sima jedhan putin.

Kamisa borii Putin kan waggoota lamaa ol keessatti Raashiyaa daawwachuuf jiran muummicha barreessaa Tokkummaa Mootummootaa Antooniyoo Guteres waliin wal arguuf jiru. Guteres irra deddeebi’uu dhaan gochaalee Raashaan Yukireen keessatti raawwattu qeeqaa turan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG