Hojii moodelii fi beeksisawwan gara garaa hojjechuun, keessumaa ammoo uffannaawwan aadaa Oromoo beeksisuun marsaalee hawaasaa irratti kan beekamtu Shamarree Qananii Addunyaa lubbuun darbuun gabaafame.
Shamarree Qananiin halkan edaa mana jireenyaa isaanii Magaalaa Finfinnee, kutaa magaalaa Lammii Kuraa ollaa Aayaat jedhamuun beekamutti lubbuun ishee darbu namni maatiitti dhiyaatu kan maqaan akka eeramu hin feene VOA’f mirkaneessee jira.
Shamarree Qananiin jaalallee artiistii beekamaa Andu’aalam Gosaa akka turteefi, gaa’eela seeraan mirkanaa’e qabaachuu baatanis waggaa sadiif mana tokko waliin jiraataa akka turaniifi hariiroo isaanii kanas maatiin isaanii quba qabaachuu namni kun dabalee himeera.
Sababa kanaanis artiist Andu’aalam Goosaa gaaffiif barbaadamee harka poolisii magaalaa Finfinnee akka jirus namni kun himeera.
Dhimma kana kan gaafanne hogganaan Qunnamtii Uummataa Poolisii Magaalaa Finfinnee Inspeektar Maarqoos Taaddasaa, ammatti dhimmicha irratti yaada kennuun akka hin danda’amne VOA’tti himanii jiran.
Reeffi shamarree Qananii Addunyaa har’a ganama hospitaala Minilikitti erga qoratamee booda, guyyaa naannoo sa’aatii sagalii gara mana obboleettii ishii magaalaa Sulultaa jiru geeffamu namni VOA’f odeeffannoo kenne kun himee jira.
Forum