Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Haala Siiriyaa Keessaa Dhiyeenyaan Hordofaa Akka JIrtu Beeksiste


Minseensoata garee Kerdishiin deeggaramu SDF jedhamu karaa magaala Syriyaa irratti, Mudde 11, 2024.
Minseensoata garee Kerdishiin deeggaramu SDF jedhamu karaa magaala Syriyaa irratti, Mudde 11, 2024.

Dubbi himaan mootummaa Kiremilin Dimitirii Peeskoov, Raashaan ennaa wal waraansa biyyattii loltoota ishee waraana Siiriyaa waggootaaf deggeraa turanii fi waaltaalee dipilomaasummaa ishee gamsii nageenya isaanii mirkaneessuu kan barbaaddu ta’uu eeraniiru. Yaadi Peskoov kun kan dhaga’ame ripxe loltoonni Siiriyaa Damaaskasiin seenanii erga prezidaant Bashaar al-Asaadiin aangoo irraa darbanii guyyoota hanga tokko booda. Assad bakka angawoonni Raashaa dahata Siyaasaa argataniiru jedhan Raashaatti baqatan.

Kufaatiin Assaad itti dabalee Iraaniin kan deggeraman garee Hezbollaah Libaanon keessaaf karaa meeshaan waraanaa deddeebi’u cituu dabalatee qabiyyee milishoonni Iraan keessa sosso’an waan adda citeef dantaa Iraan miidhee jira. Hoogganaan ol aanaan Iraan Ayaatoollaah Ali Kahaameennii Roobii har’aa, Iran milishoota Hamaas kan dugdee Gaazaa keessaa, milishoota Iraaqii fi warreen Hutii Yeemen keessaaf deggersa gootu dabalatee dhiibbaa isheen naannoo sana keessatti qadu dadhabe yaada jedhuu fudhatama dhabsiisaniiru.

Akkasumas kan Siiriyaa keessatti ta’e karoora Yunaayitid Isteetisii fi Israa’el, kan isaan ibyyi hollaa fonqolcha mootummaa Assaad keessatti qooda akka qabaattu taasisan jedhan. Maqaa biyya ollaa hin dhoofne, garuu kan Siiriyaa waliin wal daangessan Turkiin garee Assaadiin mormuuf deggertuu ijoo dha.

Lammiiwwan Siriyaa hegeree biyya isaanii ijaaruuf ennaa hojjetan, Abuniin Kaatolika Roomaa Firaansis Roobii har’aa, tasgabbii fi tokkummaa biyyattiif furmaati siyaasaa ni jiraata jedhanii kan abdatan ta’uu dubbatan.

Uummati Siiriyaa biyya isaanii jaal’atan keessa nagaa fi nageenyaan akk jiraatu kadhannaa koo ti jedhanii, amantiin adda addaa waliin ta’uu dhaan hiriyummaa fi kabajaa waloo qabaatanii biyya isaanii waggoota hedduuf waraanaan bututteef jecha akka waliin jiraatan abunichi gaaftaniiru. Mohammed al-Bashir mootummaa ce’umsaa akka hooggananiif filatamuu isaanii erga labsanii gyyaa tokko booda, lammiwwan Siiriyaa kanneen biyyaa baqatan akka deebi’an waamicha dabarsanii jiru.

Tokkummaan mootummootaa akka tilmaametti baqattoota Siiriyaa kannen miliyoona shanitti hedamant biyya ollaa keessa jiraatu. Tokkummaa Mootummootaatti jilli adda Siiriyaa Giir Pedersen Kibxata darbe ibsa kennaniin, baqattoota deebisuuf akka hin ariifatamne akeekkachiisanii, haalli namoomaa Siiriyaa keessaa balaa keessa kan jiruuf dinagdeenis kufaatii keessa jira jedhan.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG