WAASHINGITAN, DIISII —
Biyyattiin Talaaliin haaraa argachuu ishee ifatti kan mirkaneessan prezidaant Vladmir Putiin turan.
Garu dhala namaaf yoo kenname rakkoo kan hin qabne ta'u ragaa agarsissuu hin dhiyeessine.
Putiin har'a ministeeroota ofii walgahii gaggeessan kan Televiziyoona mootummaan darbaa ture irratti kana labsanii karaa dhaabata Moskoo keessa maadheeffateen talaaliin kun hojjatamuu ibsan.