Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raashaan Yaada Mootummoota Gamtoomanii Irratti Walwaraansa Sudaan Dhaabsisuuf Dhiihaate Mormite 


FAAYILII - Manoota walwaraansa Kaartuum keessatiin barbadahaan,
FAAYILII - Manoota walwaraansa Kaartuum keessatiin barbadahaan,

Walwaraansa Sudaan keessatti taasifamaa jiru waligaltee dhukaasa dhaabuutiin xumuruudhaaf yaadaa mana maree nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti dhihaate Raashaan kufsitee jirti. Yaadin walwaraansichaa dhaabuu fi sochii gargaarsaa namoomaa mijeesuu kun kan dhaabbata mootumootaatti dhihaatee mootummaa Biriteenii fi mootummaa Seeraliyooniin yemmuu ta’u, mana maree nageenyaa mootumoota gamtoomanitti mirgaa sagaleedhaan sagalee fudhatama dhabsiisuu kan qabduu Raashaan mormitee jirti.

Dhaabata mootumoota gamtoomanitti ambaasaderaa mootummaa Rashaa kan ta’an Dimitrii Poliyansikii mormii isaanii ilaachisuudhaan yaada mana maree nageenyaa irratti kenaniin, dhimma Sudaan irratti itti gaafatamumaa kan qabuu mootummaa Sudaan qofaa jechuun isaanii bekameera. Saa’iba Raashaa kan taatee Chaayinaan yaadaa dhukaasa dhaabuu kan deggerte yemmuu ta’u, dhaabbata mootumootaa gamtoomanitti, Ambaasadaraa mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Liindaa Toomaas Griinfiild ijjannoo Raashaa kana qeeqanii, yaada lubbuu namoottanii baraaruuf dhihaate mormuun waan rifachiisaadhaa jedhaniiru.

Ministirri dhimma alaa Birteen David Laamii, “biyyaa tokkotu karaa mana maree nageenyaa isaa sagalee tokkoon dubbate dura dhaabbate” jedhanii, ‘diina nageenyaati” jechuudhaan Raashaa qeeqaniiru.

Ambaasader mootummaa Raashaa gama isaaniitiin, manni marii nageenyaa mootumootaa gamtomanii fuulaa lama qabeesaa akka ta’e ibsanii, manni marichaa sarbiinsa seera mirga namoomaa irratti Gaazaa keessatti raawwatamaa jiru dhaasisuu dadhabuu isaatiif qeeqaniiru. Wal waraansa Sudaan keessatti taasifamaa jiruun lammileen biyyatti miiliyoonii 11 ta’an jireenya isaanii irraa buqa’anii, namoottan miiliyoonii 25 ta’an immoo rakiina hanqina nyaataatiif saaxilamuu isaanii dhaabbanni mootumoota gamtoomanii beeksisee jira.

Kun ittuu kanan jiruu, biyya Sudaanitti bakka bu’aa addaa mootummaa Yunaayitid Isteets kan ta’an Toomaas Periiloo wixata kaleesaa yemmuu daawanna isaanii isaa jalqabaa Sudaaniitti taasisan, walwaraansii badii hamaa umaa jiru akka dhaabbatu waamicha taasisanii jiruu. Madii oduu Rooyiters akka gabaasetti, Toomaas Periiloo magaalaa Poort Sudaan keessatti hogganaa waraanaa Sudaan Abdel Fataan al burihaanii wajjin wal arganii dubbatanii jiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG